Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
219 Jechoota
utuma da.go.
GAO

yeroo murtaayee keessa; utuma deemuu kufe.

utuu hi.
GAO

jecha mamii agarsiisu; Utuu dhuftee aaara argatta.

uuma ma.
GAO

waan duraan hinjirre argamsiisa.

Uumaa 1
GAO

"huumaa" ilaalaa.

Uumaa 2 ma.
GAO

kan uume, Waaqa.

Uumaa 3 ma.
GAO

dhaloota nama yookiin waan irraa; Uumaan isaa dhiira garu.

uumama ma.
GAO

waan uumame hunda; Uumama hunda irra namatu caala.

uumamaa ad.
GAO

kan Waaqni uume.

Uumamuu
GAO

"huumamuu" ilaalaa.

uumatee
GAO

"huummatee" ilaalaa.

uummaata bal'aa ma.
GAO

saba heddummina qabu. Uummanni bal'aan Oromoo yeroo dheeraadhaafi (jaarraa tokkoof) eenyummaa isaati...

Uummachuu
GAO

"huummachuu 2" ilaalaa.

Uummata ma.
GAO

nama baay'ee.. 2. ilmaan namaa; Oromoon uummata addunyaa keessaa isa tokko.

Uummoo
GAO

"huummoo" ilaalaa.

uumuu
GAO

"huumuu" ilaalaa.

uwwiisa.
GAO

1. uffata itti kaaya yookiin wayyaa akka uffatu gocha. 2. baala yookiin citaa itti kaba, irra afa.

uwwisaa ma.
GAO

daara nama kabajanitti, haadha yookiin abbaa durbaatti uwwisan.

uwwisiisuu go.
GAO

akka uwwisu gochuu.

uwwisuu go.
GAO

1. uffata itti kaawuu. 2. baala yookin citaa itti kabuu.

Sponsors