Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
836 Jechoota
salphifechuu go.
GAO

xiqqeeffachuu.

salsiisuu ma.(qaanii)
GAO

akka salu yookiin akka salamtu gochuu.

saltuu ad.(qaanii)
GAO

dhiira saluu beeku yookiin baay'isu.

Sambata duraa ma.
GAO

Guyyaa Jimaataafi Dilbata jidduu oolu  Sanbata, Sanbata xinnaa, Qidaamee.

Sambata guddaa
GAO

guyyaa Sanbata duraafi Hojjaa yookiin Dafinoo jidduu ykn Gidirsanbat, Dilbata .

Sambata xinnaa
GAO

"Sambata duraa" ilaalaa.

samii ma.
GAO

bakkee lafa dhaabbatanii yammuu ol ilaala biiftuu, addeessa,urjii itti argan, waaqa.

sammuu ma.
GAO

1.qaama (bakkee) mataa gidduu, kan yeroo daa'imummaa dhikkifatu, wadhakkaa mataa, mataa, gubbee. 2. ...

samoona ma.
GAO

yeroo dhiwoo keessa, tibba, jidduu kana. (gidduu kana); Hardha natti hintoluu samoonuma kanan dhufee...

samoonii
GAO

"samoona" ilaalaa.

samsuu go.
GAO

akka samu gochuu.

samtuu ad.
GAO

1. tortortuu, ajooftuu. 2. kan xurii guurte, xurooftuu.

samuu go.
GAO

1.jiidha argatee foolii geeddaruu, tortoruu, jaawuu (muka burkutaawuu). 2. xurii guuruu. sagalee ala...

sanaabii ma.
GAO

gosa raafuu kan gumaa (firee) xixiqqatu, sanaafica.

sanaafica
GAO

"sanaabii" ilaalaa.

Sanaagaa ma.
GAO

soogidda akka dhakaa, kan akka saamunutti mummuramee gabbisuuf arraabsisan, amoolee.

Sanaalata ma.
GAO

amartii sibiilaa. kan walitti diddiranii wayiin hidhan; Mana hidhaatti sansalataan luka lamaan walli...

sanbata
GAO

"Sambata" ilaalaa.

Sanbata duraa
GAO

"Sambata duraa" ilaalaa.

Sanbata guddaa
GAO

"Sambata guddaa" ilaalaa.

Sponsors