Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
836 Jechoota
shamaxa ma.
GAO

farda qamisii itti uwwisanii gaafa namni guddaan du'e ittiin booyan, farda qamisii.

shambaqqoo ma.
GAO

biqiltuu keessi qaawwaa, kan leemmana fakkaatu, oo'inee; Shambaqqoo murii naa fidi ululleen tolfadha...

shamizii
GAO

"shaamizii" ilaalaa.

shammaa ma.
GAO

uffata Amaaraa, keessattuu kan baadiyyaa.

shammaanee ma.
GAO

nama jirbii foyame irraa uffata qopheessu, nama wayyaa dhawu.

shammachiisuu
GAO

"shamachiisuu" ilaalaa.

shammata
GAO

"shamata" ilaalaa.

Shammatachuu
GAO

"shamatachuu" ilaalaa.

shammattuu
GAO

"shamattuu" ilaalaa.

shammatuu
GAO

"shamatuu" ilaalaa.

shamqaqqoo ma.
GAO

guduunfaa kan yoo gara tokko qabanii harkisan akka laayyootti hiikamu, furgaasaa.

shamsuu
GAO

"samsuu" ilaalaa.

shamtuu
GAO

"samtuu" ilaalaa.

shamuu
GAO

"samuu" ilaalaa.

shanaa ma.
GAO

daakuu yeroo midhaan hororan (daakan) bullaayee jala darbu.

shanacha 1.ma.
GAO

beektota yookiin jaarsolii filatamanii rakkina ta'eef hiika kennan.

shanacha 2 ma.
GAO

1. quba shanan. 2. barruu harkaa, ganaa.

shanafachuu go.
GAO

asiifi achi deemuu, wawarraaquu.

shanaffaa ad.
GAO

kan arfaffaatti 'aanee dhufu; Yeroo afur dhabeetan shanaffaatti argadhe.

shanan ma.
GAO

guyyaa shanaffaa dhaloota mucaa itti kabajan; Dubartoonni shanan irratti marqaa nyaatanii, haadha mu...

Sponsors