Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
836 Jechoota
shallagsiisuu 2
GAO

"hallagsiisuu" ilaalaa.

shallagsiisuu 3 go.
GAO

humna akka qusatu, suuta akka hojjetu gochuu.

shallaguu 1
GAO

"hallaguu" ilaalaa.

shallaguu 2 go.
GAO

humna qusachuu, dhibaawuu; Odoo shallaguu baatee qaata hojjetee fixe.

shallaguu 3 go.
GAO

hamma isaa hubachuu, tilmaamuu.

shallala ma.
GAO

of miidhaksa (uffataan, deemichaan, w.k.f.; Shallala guddisaniif nama guddaa hinta'ani.

shallaluu go.
GAO

of miidhaksanii kooruu.

shallama ma.
GAO

1. waan gaarii hojjetameef kenna gocha, waa badhaasa. 2. gatii maleekenna. 3. uwwisa, miidhagsa.

Shallamamuu go.
GAO

waan gaarii hojjetanii badhaasa argachuu. 2. waan ta'e tola argachuu. 3. miidhagfamuu.

Shallamsiisuu go.
GAO

akka shallamu gochuu.

shallamuu go.
GAO

nama waan gaarii hojjeteef badhaasa kennuu. 2. tola kennuu. 3. uffata itti tolchanii miidhagsuu.

shalshalii ma.
GAO

koboota haphii urufaa guuran, hanfalii.

shama ma.
GAO

jiidha argatee fooliin geeddarama, sama, tortora, ajaa'a.

shamaa ad.
GAO

kan jiini tuqee fooliin geeddarame, samaa, tortoraa, ajaa'aa.

shamachiisuu go.
GAO

akka shamatu gochuu.

shamada
GAO

"shamata" ilaalaa.

shamata ma.
GAO

midhaan bittaa; Shamatni midhaanii bona wayya.

shamatachuu go.
GAO

midhaan bitachuu.

shamattuu ad.
GAO

kan midhaan qotate hinqabne, kan gabaadhaa bitatee bulu.

shamatuu go.
GAO

midhaan bituu; Inni midhaanshamatuu gabaa baye.

Sponsors