Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
836 Jechoota
shakkuu go.
GAO

waan tokko irraa amantii dhabuu; Akkuma hunda shakkuu hinbarbaachisne hundas amanuu hinbarbaachisu.

shakoraa
GAO

"shankoora" ilaalaa.

shakura ma.
GAO

jifaara gaangee kan yeroo yaabbatanii deeman shakkisu.

shala ma.
GAO

bineensa akka bosonuu.

shalaala ma.
GAO

hokkoo ta'iisa, jallina, daba.

Shalaalessuu go.
GAO

akka dabu, jallatu yookiin hokkoo ta'u gochuu.

shalaaltuu ad.
GAO

tan sirrii hinta'in, hokkoo, dabduu, jallattuu.

Shalaaluu 1 go.
GAO

hokkoo ta'uu, jallachuu, dabuu.

shalaaluu 2 go.
GAO

wayi irra si'a ejjetan lukti nama jalaa deemuu, mucucaachuu.

shalala ma.
GAO

gosa midhaanii.

shalalaa ma.
GAO

dhangala'aa itittuun(ittoon) keessaa baye ago'aatii, dhama. 2.dhangala'aa araqee baasuuf hubbo danfu...

shalaltaa ma.
GAO

farsoo bishaanni dhiwoo itti naqame; Farsoo gaariin shalaltaa irratti beeksisa.

shallaga 1
GAO

"hallaga" ilaalaa.

shallaga 2 ma.
GAO

tilmaama, gimmitii;Shallaga malee akka nyaattu sirriitti hojjedhu.

shallaga 3 go.
GAO

humna qusacha, garaa irraa fudhatanii hojjechuu dhiisa, dhibaawa; Kan bultii ofiitti shallaga guddis...

shallagamaa 1
GAO

"hallagamaa" ilaalaa.

shallagamaa 2
GAO

kan harnmi isaa tilmaamame.

shallagamuu 1 go.
GAO

dalga irraa muramuu, hallagamuu.

shallagamuu 2 go.
GAO

hammi isaa tilmaamamuu, ilaalamuu.

shallagsiisuu 1 go.
GAO

Akka tilmaamamu gochuu.

Sponsors