Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
180 Jechoota
roobii 1ma.
GAO

gosa bineensaa,kan galaana keessa jiraatu, kan gogaa isaa irraa halangaan hojjetamu, kanumaafuu qala...

Roobii 2 ma.
GAO

guyyaa torban keessaa kan jalqahaa irraa kaasee sadaffaa irratti argamu, Harba. Arbii.

roobsisuu go.
GAO

akka roobu gochuu; Waaqni bokkaa roobsisa.

roobuu go.
GAO

1.roobni bu'uu. 2. harka bal'atanii kennuu, namatti arjoomuu; Iseen nama rakkateef hinkenniti miti, ...

rooca hodhuu go.
GAO

erga gu'een booda hodhuu; JaJabiin rooca hodhu nigabbata.

rooca ma.
GAO

jabbiin erga gu'een booda hodhiinsa; Jabbiin kun rooca hodha.

roophii
GAO

"roobii" ilaalaa.

roophilaa ma.
GAO

meeshaa sibiilaafi mootora irraa qophaa'ee Waaqa keessa namafi ykn meeshaa baatee deemu, xiyyaara.

rooqaa ma.
GAO

buusaa mukaa kan nyaatamu, yammuu qola isaa irraa kaasan kan misireen hedduu, akkasumas kan miciree ...

roora'aa ad.
GAO

1.kan jireenyi oliif gadi isa raase;Eega haati manaa jalaa duutee roora'aa dhuma ta'e. 2. fedhii gud...

roora'uu go.
GAO

wawarraaquu, sosocho'uu, keessumattu bishaanuf Yookiin galaanaaf.

roora'uun 2 go.
GAO

hawwii guddaa qabaachuu; Waraabessi sareedhaan, "ya rooraatuu! " jedhee waamnaan, "Ati rooraate kan ...

rooraatuu ad.
GAO

1.tan jireenyi oliifi gadi isee raase. 2. fedhii guddaa tan Qabdu.

roorriftuu ad.
GAO

tan roorrisuu heddummees situ.

roorrisaa ad.
GAO

kan seera malee namatti deemu, darbu, baacu.

roorrisuu go.
GAO

seera malee namatti taphachuu, baacuu, boonuu; Kan namatti roorrisu hinbadhaadhu.

roorroo ma.
GAO

gocha rocirrisuu, cunqursaa cimaa; Yoo roorroo namatti baayifte nifincilu.

roqaa ad.
GAO

kan fooliin isaa akka malee xiraa'u, ajaa'a.

roquu go.
GAO

hara malee xiraa'uu, ajaa'uu.

ruhii ma.
GAO

humna jireenyaa, lubbu'; Ruhiin keessa hinjirtu.

Sponsors