Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
qunamuu go.
GAO

ayyaana gaarii argachuu;  Kan ganama qunamu galgala hinbadu.

qunaoo barbarree
GAO

"qundaa barbarree" ilaalaa.

quncee ma.
GAO

qola rnukaa yookiin aadaa; Qunceen laaftoo hidhaa ta'a.

quncifachuu go.
GAO

quncee irraa kaafachuu; Quncee quncifachuu marxa bu'e.

quncisa ma.
GAO

quncee muka irraa solloqsa; Mukni quncisa bade hingoga.

quncisuu go.
GAO

quncee muka irraa kaasuu yookiin qola wanta taa'e irraa kaasuu; Aduu hamaan gogaa nama irraa quncisa...

qundaa barbarree ma.
GAO

gosa qimamii kan yoo alanfatan afaan nama gubu.

qundhamsiisuu go.
GAO

tolee argachiisuu, eyyee  jechisiisuu; Inni namicha Rabbii qundhamsiise.

qundhamuu go.
GAO

tolee argachuu.

qundhuu go.
GAO

tole jechuu; Waan barbaaddu sana siif qundhe.

qunisiisuu go.
GAO

akka qu'ncisu gochuu.

qunnaa
GAO

"qunnaa" ilaalaa.

qunnaa ma.
GAO

mi'a yookiin hodhaa midhaan ittiin safaran; Xaafii qunnaa soddoma galfate.

qunnii ma.
GAO

gosa margaa kan hundeen isaa urgaawu; Qayya ulatte malee qunnii hinulanne.

qunnii ulachuu go.
GAO

qunnii ofitti aarsuu. "qumbii ulachuu 2" ilaalaa.

qunxurroo
GAO

"seeruu" itaalaa.

qunxuruu
GAO

"hammaaruu" ilaalaa.

qunxuuxa
GAO

"qummuuda" ilaalaa.

qunxuuxachuu go.
GAO

1. qeensaan qabatanii dhukkubsuu. 2.adabanii uddisuu; Ijoollee badii hojjette abbaatu qunxuuxxata.

qunxuuxamuu go.
GAO

"qumrnuudamuu" ilaalaa.

Sponsors