Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
qumbaa 2 ma.
GAO

wadala  gabaabduu; Garbuu qumbaatti fe'atee gale.

qumbii ma.
GAO

gosa mukaa kan fooliin urgaawu; Aarri qumbii foolii xiraa'aa niballeessa.

qumbii ulachuu go.
GAO

1. qumbii abiddatti naqanii ofitti aarsuu. 2. of mi 'eessuu.

qumbursoo
GAO

"qumbursaa"  ilaalaa.

qummaada 1 ma.
GAO

Ija baasa, biqila; Qummaada ataraa dheedhii nyaachuun garaa nama dhukkubsa.

qummaada 2 ma.
GAO

gumguma aarii qabu.

qummaadchisuu go.
GAO

akka qummaadu gochuu.

qummaaduu 1 go.
GAO

aaranii gumgumuu; Namichi kan qummaadu waan aarii garaadhaa qabuufi.

qummaaduu 2 go.
GAO

ija godhachuu yookiin baasuu; Biqilli akka sirriitti qummaaduuf baalaan ukkaamsu.

qummuuda ma.
GAO

qeensa  takkaayis quba lamaan qabanii dhukkubsa, qunxuura  (qonxoora), Qummuuddiin qeensaa qaama i...

Qummuudamuu go.
GAO

qeensaan  yookiin  qubaan qunxuuxamuu.

Qummuuddaa
GAO

"qummuuda"  ilaalaa.

Qummuuddii
GAO

"qummuuda"  ilaalaa.

Qummuuduu go.
GAO

qubaan  yookiin  qeerisaan walitti  qabanii  qunxuuxuu (qonxooxuu);  Ijoollee kofa keessa qummu...

qumoo ma.
GAO

muka goommanaa yookiin goomm  adaa; Qumoo funaaneeti akaawii (akaayii) ittiin akaawwate.

qumxaa ma.
GAO

1.surree gabaabaa jilbaa olitti hafu. 2.jooniyaa ashaboo.

qunaa
GAO

"qunnaa"  ilaalaa.

qunaa ma.
GAO

seera biyyi  ittiin bulu; Qunaa biyyaa yoo darban hinadabamu.

qunama ma.
GAO

ayyaana gaaarii argacha;  Qunama ganamaati malee qabeenyi dhamaa miti.

qunamachuu go.
GAO

ayyaana  gaarii argachuu.

Sponsors