Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
qome ma.
GAO

1. uffata ijoolleen mataadhaan gadi keewwattu, kan surree malee uffatan. 2. "qomoo 1" ilaalaa. 3.kut...

qomna'uu go.
GAO

waan qara qabuun waraanuu; Handaaqqoon nama qommaati.

qomoo 1 ma.
GAO

mi'a kotte duudaa, kan qoma irra oolu; Qomoon gaangee itti dhiphate.

qomoo 2 ma.
GAO

gosa balbala tokkoo kan wal horee baay'ate; Qomoon isaa sayyoodha.

qomxochiisuu
GAO

"dhangaggeessuu" ilaalaa.

qomxoxaa
GAO

"dhangaggaa'aa" ilaalaa.

qomxoxuu
GAO

"dhangaggaa'uu" ilaalaa.

qondaa barbarree
GAO

"qundaa barbarree"  ilaalaa.

qondaala ma.
GAO

1. ilma gayeessa humna qabu, dardara. 2.seera Gadaa keessatti gulantaa foolleetti aanu. 3. ergamaa i...

qondaalee
GAO

"qondaala 3" ilaalaa.

qonfora ma.
GAO

lafa qotiisa; Qonforatu harka majeesse.

qonforaa ma.
GAO

mi'a ittiin lafa qotan.

qonforamuu go.
GAO

qotiisa ta'uu,qotamuu; Lafti sirriitti qonforame midhaan magarsa.

qonforsiisuu go.
GAO

akka qonforamu gochuu.

qonforuu go.
GAO

1. waan qara qabuun lafa qotuu;Dongoraadhaan lafa qote. 2.dubbii dhoksaa ija argachuuf gaaffii baay'...

qongoo
GAO

"dhagaa gaayyaa" ilaalaa.

qonna ma.
GAO

1. "qotiisa" ilaalaa. 2. lafa qota; Ganamaan qonna deeme.

qonnaa
GAO

"qonna" ilaalaa.

qonqa
GAO

1. "sagalee 2" ilaalaa.  2. "afaan" ilaalaa.

qonqoo ma.
GAO

1. karaa waanti nyaatan yookiin dhugan garaa bu'u, qoonqoo, kokkee. 2."beela" ilaalaa.

Sponsors