Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
qocholuu go.
GAO

nama tuquu, dubbii barbaaduu.

qochumaa ma.
GAO

garaacha ijji dhaaba dammaa fakkaatu.

qocisiisuu go.
GAO

akka qocu gochuu.

qocolamuu
GAO

"qocholamuu" ilaalaa.

qocoo
GAO

"hoolaa" ilaalaa.

qocqocaa ma.
GAO

corqaa yookiin qaaraa qimamii wajjin daakamee dafaqame.

qocqocuu go.
GAO

qocqocaa qopheessuu.

qocuu go.
GAO

xixinneessanii walitti baay'isuu, funaanuu; Bishaan qocu malee dubbii hinqocani.

qodaa ma.
GAO

mi'a manaa; Qodaa manaa keessaa hubboo qobaa qabdi.

qoddoo ma.
GAO

biqiltuu fooliin urgaawuu, harrittaa.

qodha ma.
GAO

waadaa kennuuf qalan, wareega.

qodiroo
GAO

"qooddiroo" ilaalaa.

qofa 1 da.go.
GAO

kana dura; qofa dhufeeti horii fudhate.

qofa 2 ad.
GAO

miiltoo malee, qobaa; Isa qofa waame.

qofa'a ma.
GAO

chikaalii Yookiin mismaara dhaaba, gadi rukucha; qofa'a chikaaliitu harka dhukkubse.

qofaasisuu go.
GAO

Chikaalii yookiin mismaara rukuchiisuu.

qofaatuu ad.
GAO

kan gadi rukutamee dhaabbatu.

qofoo ma.
GAO

waan qofa'amu kan akka mismaaraa yookiin Chikaalii.

qokkee ma.
GAO

holqa dhagaa yookiin mukaa kan kanniifni itti galu.  2. "kokkee" ilaala.

qola 1 ma.
GAO

gogaa mukaa, midhaanii, firee Yookiin qaama namaa irraa ka'u, luqqa'u; Madaan yoo qola godhate fawuu...

Sponsors