Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
qiyaasuu go.
GAO

hammam akka ta'e beekuuf safaruu yookiin lakkawuu.

qobaa 1 da. go.
GAO

waan biraa kan of biraa hinqabne; Qobaan manaa dhufe.

qobaa 2 ad.
GAO

kan biraa keessaa; Isa qobaatu yaa'ii dhufe.

qobachuu
GAO

"qolachuu" ilaalaa.

qobboo ma.
GAO

1. gosa mukaa kan ijji (fireen) zayitii bawu. 2. maqaa biyyaa.

qoca ma.
GAO

waan akka bishaanii xinneessanii  walitti  funaansa; Qoca waraabbatteeti ganamaan galte.

qocaa ma.
GAO

bineensa lafa irra yookiin  bishaan  keessa jiraatu, kanqolli dhaqnaa dhagaa fakkaatu; Mataa keess...

qoccola
GAO

"qochola" ilaalaa.

qoccolamuu
GAO

"qocholamuu" ilaalaa.

qoccollii
GAO

"qocholloo" ilaalaa.

qoccolloo
GAO

"qocholloo" ilaalaa.

qoccoluu
GAO

"qocholuu"  ilaalaa.

qoccoo
GAO

"warqee" ilaalaa.  "hammichoo" ilaalaa.

qochobaa
GAO

"qochumaa" ilaalaa.

qochola ma.
GAO

dubbii barbaacha.

qocholaa
GAO

"qochola" ilaalaa.

qocholamuu go.
GAO

dubbiin yookiin gochaan tuqamuu.

qochollaa
GAO

"qochola" ilaalaa.

qocholloo ma.
GAO

dubbii yookiin gocha nama mufachiisu.

qocholsiisuu go.
GAO

akka qocholu gochuu.

Sponsors