Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
847 Jechoota
qircuu go.
GAO

1. horii qalanii iddoo baay'eetti gargar baasuu, hiruu. 2. xixinneessanii hiruu.

qirgida
GAO

"qirqirsa" ilaalaa.

qirixii ma.
GAO

mi'a sibiilaa kan ittiin muka uran; Muka gindii qirixiidhaan uru.

qirqidsiisuu
GAO

"qirqirsiisuu" ilaalaa.

qirqiduu
GAO

"qirqirsuu" ilaalaa.

qirqiffachuu
GAO

"qirqirfachuu" ilaalaa.

qirqirfachuu go.
GAO

qaama ta'e keessumattuu bobaa jala tuqamanii kolfuu.

qirqirsa ma.
GAO

waan ta'een tuqanii kofalchiisa; Gurbaan qirqirsa waan hinjaallanneef sitti aare.

qirqirsiisuu go.
GAO

akka qirqirsu gochuu.

qirqirsuu go.
GAO

qaama keessattuu bobaa jala tuqanii kofalchiisuu.

qirqiruu
GAO

"qirqirsuu" ilaala.

qisa ma.
GAO

ija silimlim gocha yookiin liphsa; Qisaan dubbii itti himi.

qishaana ma.
GAO

jecha yookiin dubbii namni shakku, qeeqa; Dubbii  nama hundaa qishanaan fudhachuun jaallatamaa miti...

qisqisee ma.
GAO

goofaree gabaabaa keessattuu kan mataa haadamee margee yookiin muramee.

qisuu go.
GAO

ija silimlimsuu, ija cabsanii nama laaluu; Ija qisuun balaa qaba.

qixaabira ma.
GAO

dubbii dhaaba hin qabne.

qixaabirsuu go.
GAO

akka dubbii waliin maku gochuu. qixaabi u go. dubbii mataafi miilla hinqabne haasa'uu, xibaaruu.

qixaaxa ma.
GAO

adaba kenna.

qixaaxachuu go.
GAO

adabachuu, qunxuxachuu.

qixaaxamuu go.
GAO

adaba argachuu.

Sponsors