Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
265 Jechoota
Olata
GAO

"ulannaa" ilaalaa.

olee
GAO

"ol" ilaalaa.

olgaa
GAO

"oolgaa" ilaalaa.

olii gadi da.go.
GAO

1. gubbaadhaa gara jalaatti. 2. asiifi achi, bakkee tokkoo gara biraatti; Ijoolleen olii gadi kaachu...

olkaawamuu go.
GAO

wanti tokko akka hinbinne, hindhumne jedhamee eegamuu, qusatamuu.

ollaa ma.
GAO

nama mana isaa cinaa namaatti ijaarratee jiraatu.

olola ma.
GAO

oduu yookiin dubbii fokkisa makatu, dubbii wayitti namni dammaqsu, piroppagaandaa.

ololoo ma.
GAO

1. dubbii yookiin bo Jicha wal irraa hincinne. 2.caaffata walaloo, hinta'in.

omborii ma.
GAO

midhaan biilaa kan galabaa baay'atu, kan fireen isaa qaqallatu, hayisaa, aajjaa; Omboriin mooqaaf yo...

ona ma.
GAO

1. mana namni keessa Jiraachuu dhiise. 2. lafa namni yeroo dheeraaf irra Jiraate, qeyee. 3. kan homa...

ondoolessa ma.
GAO

gosa allaattii yeroo baay'ee bishaan ciisaa qarqaratti argamu.

ongee ma.
GAO

1. yeroo roobni hinjirre. 2. bara bona guddatu; "Sitti tolte, akka saree bara ongee".

onnachuu go.
GAO

waan tokko gochuuf garaa kutachuu, seesuu dhiisuu.

onnee dhabuu go.
GAO

sodaataa ta'uu, dabooruu, daboomuu.

onnee ma.
GAO

qaama dhiiga nafa ma1atti facaaftu, hundee jireenyaa.

onnee qabaachuu go.
GAO

soda dhabuu, goota ta'uu.

onsa ma.
GAO

ona taasisa,duwwaatti hambisa.

onsiisu go.
GAO

akka onsu gochuu, duwwaatti hambisiisuu.

onsuu go.
GAO

ona taasisuu, duwwaatti hambisuu.

ontuu ad.
GAO

1. bakka namni yeroo dheeraaf jiraatee irraa ka'e. 2. qeyee yeroof irra jiraatanii dhiisanii deeman....

Sponsors