Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
265 Jechoota
ookkoo ma.
GAO

muka gara mataatiin Jallaa.

oola 1 ma.
GAO

deemsa irraa hafa.

Oola 2 ma.
GAO

hamaa jalaa baha.

oolaa 1 ad.
GAO

kan buusa yookiin firee otoo hingodhatin hafe, maseeha.

oolaa 2 ad.
GAO

kan hamaa jalaa bayee hafe.

oolbaa
GAO

"oolgaa" ilaalaa.

oolchaa 1 ma.
GAO

waan waaree booda nyaatan.

oolchaa 2
GAO

"oolmaa" ilaalaa.

oolchaa 3 ma.
GAO

1. bakka funyoo, teepha, w. k.f. wal dabarsanii gudunfan. 2. furgaasaa.

Oolchuu 1 go.
GAO

1. guyyaa tokkoof tursiisuu. 2. oolaa yookiin maseena taasisuu. 3. hamaa jalaa baasuu.

oolchuu 2 go.
GAO

furgaasa ittii baasuu.

oolfacha ma.
GAO

irraa hambisa.

oolfachiisuu go.
GAO

akka hambifatu gochuu.

oolfachuu go.
GAO

waan barbaachisu baasanii hambifachuu; Qarshii dhibba baaseeti farda oolfate.

oolfannaa
GAO

"oolfacha" ilaalaa.

oolgaa ma.
GAO

akkaataa naxalaa, kutaa yookiin gaabii itti uffatan.

oolgachiisuu go.
GAO

akka oolgatu gochuu..

oolgachuu go.
GAO

gaabii, naxalaa yookiin kutaa gatiittii mirgaa yookiin bitaa irra oolchanii uffachuu.

oolmaa ma.
GAO

1. bakka oolanii galan. 2. hojii guyyaa tokko nama oolfatu. 3. lafa jedhan irraa hafiinsa; Beellama ...

oolmaayaa ma.
GAO

qarshii oolmaa guyyaa tokkoof dirgaawu.

Sponsors