Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
265 Jechoota
O,o
GAO

qubee Oromoo kan tarree kudha shan irratti argamu.

o'aa ad
GAO

kan qorxa jalaa baye, dhaamocha kan arii'ate, bulluqaa.

o'ichoo ma.
GAO

madaa aangii qubaa yookiin faana horii kan yeroo roobaa dhufu.

o'ifacha ma.
GAO

waan o'a kennutti of karkarsa.

o'ifachuu go.
GAO

1. abidda yookiin aduu qaqqaammachuu. 2.waan maddee (xinnoo) guddaa fakkeessuu.

o'ifama ma.
GAO

dhaamocha ari'acha,o'a argacha.

o'ifamuu go.
GAO

waan o'a kennutti karkarsamuu.

o'ine ma.
GAO

margituu yookiin biqiltuu shambaqqoo fakkaattu, tan humna hinqabne.

o'isa ma.
GAO

1. waan o'utti karkarsa. 2. waan innaa guddaa fakkeessa.

o'isuu go.
GAO

abiddatti yookiin aduutti karkarsuu, o'a akka argatu

o'ituu ad.
GAO

1. o'a tan qabdu; Gabaan har'aa o 'i fuudha. 2. dubartii dhiira adamsitu.

o'uu
GAO

"oo'uu 2" ilaalaa.

obaa ma.
GAO

1. horiin akka bishaan dhugan gocha. 2. yeroo horiin bishaan dhugan.

obaafacha ma.
GAO

bishaan dhugsiifacha.

obaafachuu go.
GAO

bishaan dhugsiifachuu.

obaasa ma.
GAO

bishaan dhugsiisa.

obaasisuu go.
GAO

akka obaasu gochuu.

obaasuu go.
GAO

akka dhugu gochuu;Horii bishaan obaasuu dideeti dheebuu oolche.

obas ma.
GAO

rakkoo, dhibee Yookiin waan hamaa nama irra gawu garaa bal'inaan danda'a.

obbaafacbuu
GAO

"hobbaafachuu" ilaalaa.

Sponsors