Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
muka muka ad.
GAO

kan wal hinfakkaanne, adda adda, gosa gosa, laga laga, qomoo qomoo; "Qunceen muka muka irraa quncisa...

muka muka jechuu go.
GAO

camii dhabuu, mi'aawa dhabuu; Utaallootu na qabuuf fakkaataa, midhaan kun muka muka natti jedha.

muka qallee
GAO

"muka kollee" ilaalaa.

muka qollee ma.
GAO

muka arbiin shammaanee ittiin fannifamu.

muka qottoo ma.
GAO

muka mataa hokkoo kan qottoo itti kaa'anii waa ittiin muran yookiin falaxan.

muka tumaa ma.
GAO

muka yookiin ilmoo mooyyee.

muka urgaa ma.
GAO

masanyii mukaa kan yoo abiddaan guban foolii namatti tolu kennu, qayya, qoraasuma.

mukaaf baala butuu go.
GAO

dubbii ija hinqabne dubbachuu; Dubbiin si harkaa ceetee akkasumaan mukaaf baala hinbutin.

mukuk jechuu go.
GAO

garmalee bilchaachu; Mulluun mukuk jedheeti bilchaate.

mukukkula ma.
GAO

1. qoraan gartokkeen boba'ee giimii abiddaa qabu, gumachuu gubatee hindhumiin. kan abidda qabu. 2. n...

mukuu baasuu go.
GAO

kophaa ta'uun akka itti hindhaga'amne haasofsiisuu.

mukuu ma.
GAO

nama waliin dubbatan dhabiisaan kophummaa namatti dhaga'amu.

mul'achuu go.
GAO

dhoksaa eessaa ifatti bawuu.

mul'ifachuu go.
GAO

yaada ofii yookiin waan ofii agarsiifachuu.

mul'ina ma.
GAO

ijatti argamiinsa; Hindhoksiiniitii mul'inatti hojjedhu.

mullii
GAO

"mudhii" ilaalaa.

mulluu ma.
GAO

midhaan callaa kan akka boqqolloo, w.k.f. nyaataaf affeelamu.

Muluqachuu
GAO

"muluqfachuu" ilaalaa.

muluqfachuu go.
GAO

waan qola keessa jiru qola irraa kaasanii baasuu.

muluqsuu go.
GAO

akka muluqu gochuu.

Sponsors