Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
moqomoqaa
GAO

"mommoqaa" ilaalaa.

moqomoquu
GAO

"mommoquu" ilaalaa.

mora ma.
GAO

fuunduratti waan namaaf hintolle, badii, falfala, farra dubbacha.

moraa ad.
GAO

nama farra hojjetu,kan falfalu;Inni moraadha, badii malee tolaa namaaf hinhawwu:

morgaa ma.
GAO

ribuu dhaqnaa nafa tokkoofi nafa biraa walitti qabsiisu; Qotiyyoon morgaaJi cite gindoo danda'ee hin...

morgoggee ad.
GAO

nama qal'aa dheeraa cimaa; Namni morgoggeen akka laayyootti hinkuftu.

morka ma.
GAO

abalu hojJetu malee hinhojjedhu jedhanii dida, heeteffacha. 2.qixxaachuuf yookiin caaluuf, tattaaffi...

morkachuu
GAO

"morkuu" ilaalaa.

morkataa ad.
GAO

kan morka baayisu.

morkisiisuu go.
GAO

1. akka waliin morku gochuu. 2. waliin dorgomanii tokko keessaa caalmaa akka agarsiisu gochuu; Garee...

morkituu ad.
GAO

tan morkaan beekamtu.

morkuu go.
GAO

1. abalu hojjetu malee ani hinhojjedhu jedhanii diduu, heeteffachuu. 2. nama biraatiin qixxaachuuf y...

morma
GAO

2 "mormii" ilaalaa.

morma 1 ma.
GAO

1. qaama qomaa olii kan buqqee mataa baatu; Morrna hudheeti ajjeese. 2. qeentee, tokko qofa; Inni qo...

mormii ma.
GAO

dubbii yookiin yaada ta'e irratti wal diddaa agarsiisa, walii galteen dhabamsa; Mormiin baay'anaan g...

mormuu go.
GAO

yaadaan wal diduu yookiin wal 'amansiisuuf baay'ee haasa'uu yookiin ifaajuu.

moroda ma.
GAO

meeshaa sibiila battee kan duraa duubaan ilkaan shishifii hedduu qabu, kan ittiin sibiila doome qara...

morodachuu go.
GAO

morodaan qarachuu.

morodamuu go.
GAO

1. morodaan qaramuu. 2. waan bayeessaaf leenjifamuu, qaruutee taasifamuu; Barumsi nama moroda.

morodsiisuu go.
GAO

akka morodamu gochuu.

Sponsors