Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
miriixaa ma.
GAO

waan keessaan akka miriixamtuuf kakaasu; Miriixaa iseetu ammoo itti ka'e egaa, kaan kortee kaan irra...

miriixachiisuu go.
GAO

akka miriixxu taasisuu, taa'umsaaf dhaabbii dhowwuu.

miriixachuu go.
GAO

oliifi gadi fiiguu,miriixamuu.

miriixamuu go.
GAO

dubartiin yookiin durbi dharraa dhiiraatiif akka malee ta'uu, wajagamuu.

miriixee
GAO

"mimmixee" ilaalaa.

miriixummaa ma.
GAO

miriixee ta'iisa, miriixaa.

mirkana ma.
GAO

waan sobaafi dhugaa ittiin adda baafatan; Jecha kee kanaaf mirkana maalii dhiyeessita?

mirkanaa'uu go.
GAO

dhugaa ta'uu.

mirkaneessuu go.
GAO

dhugaa taasisuu.

mirkansuu go.
GAO

sobaafi dhugaa addaan baasanii beekuu, bira gawuu.

mirmadummaa
GAO

"birmadummaa" ilaalaa.

mirmaduu
GAO

"birmaduu 1"  ilaalaa.

mirmirfachuu go.
GAO

jaalalaan akka namni biraa nama barbaaduuf of mumulIisuu.

mirmirsuu go.
GAO

akka mirmiru gochuu; Na waraanuufi eeboo natti mirmirse.

mirmiruu go.
GAO

olii gadi raafamuu, socho'uu, rom'uu.

misa ma.
GAO

akka gaariitti furdacha, irraa bareeda.

misaa
GAO

"misii" ilaalaa.

miseensa ma.
GAO

1 . nama jiruu tokko geggeessuuf waliin hojjetu. 2. gartuu dhaaba yookiin waldaa tokkoo nama ta'e.

miseensummaa ma.
GAO

miseensa ta' iisa.

misha ad.
GAO

waan nama gammachiisu, gaarii, bayeessa, dansaa.

Sponsors