Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
miidhaguu go.
GAO

ijatti yookiin gurratti toluu,bareeduu.

miidhama afaanii ma.
GAO

jecha gadhee namni namaan jedhu, kan namatti dhagahamu.

miidhama deebisuu go.
GAO

qaama hubamsi irra gaye dhadhaan dhidhiibanii bakkatti deebisuu.

miidhama ma.
GAO

hubama dhaqnaa kan rukuttaa, tumiinsa yookiin hojii cimaa hojjechuudhaan namatti dhufu.

miidhamaa ad.
GAO

kan miidhamni irra gaye.

miidhamuu go.
GAO

1. miidhaan nama qaqqabuu. 2.  lubbuun keessaa bawuu, du' uu.

miidhuu go.
GAO

1. miidhama  irraan gawuu.  2. qooda namaa irraa hanqisuu.

miigara ma.
GAO

muka qaqal'aa kan ittiin dallaa, mana, w.k.f. Miidhan, maagara.

miigarsiifachuu go.
GAO

miigaraan qabsiifachuu, maagarsiifachuu.

miigarsiisuu go.
GAO

akka miigaru (maagaru) gochuu.

miigaruu go.
GAO

miigaraan qabsiisuu, maagaruu.

miihibuu go.
GAO

niitii abaluu jedhanii beeksisuu.

miil jalee ma.
GAO

bakka rafiitii, kan miillaa gadi oolu.

miilana da.go.
GAO

yeroo amma keessa jiran; Miilana qormaata darbee.

miilla diriirfachuu go.
GAO

aara galfachuuf yookin qilleensa fudhachuuf jecha olii gadi deddeemuu.

miilla gogeettii ad.
GAO

kan milkii gaarii hinqabne.

miilla ma.
GAO

buusa dhaqna namaa keessaa kan lafa ittiin ejjetanii deeman; "Miilla laman qabaaf muka lama hinkoran...

miiltee
GAO

"miiltoo" ilaalaa.

miiltoo ad.
GAO

nama yeroo karaa adeeman nama wajjin adeemu.

miiltuu ad.
GAO

nama miillaan nama horii yaabbii yaabbate wajjin deemu.

Sponsors