Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
midhaan
GAO

"minaan" ilaalaa.

midhaan dhawuu go.
GAO

midhaan horii irra oofanii yookiin ulee midhaan horii irra ofanii yookiin uleedhaan dha'anii cal'ees...

midhaan durbaa ma.
GAO

gumaa yookiin ija xixiqqoo timaatimii fakkaatu.

midhaan mukaa ma.
GAO

gumaa yookiin ija mukaa kan nyaatamu.

midijjaa ma.
GAO

daaraan akka hintamsaaneef jecha bakka abidda bobeessanitti naannessanii, waan mukaafi dhoqqee irraa...

miduu
GAO

"mittuu" ilaalaa.

migira ma.
GAO

citaa hodhaa adda addaa fakkeenyaaf kan akka leematii, okolee, w.k.f. irraa  hojjetamu.

miiccaa ma.
GAO

bishaaniin qulquleessa; Miiccaa waan hinjaallanneef uffata xuraaye uffata.

miiccachuu go.
GAO

waan halle bishaaniin qulqulleeffachuu.

miiccamuu go.
GAO

bishaaniin qulqulleeffamuu.

miiccisiisuu go.
GAO

akka miiccamu gochuu.

miiccuu go.
GAO

bishaaniin (xurii irraa) qulqulleessuu; Uffata miiccuu laga bu'e.

miicuu
GAO

"miiccuu" ilaalaa.

miidhaa ma.
GAO

waan hamaa nama irraan ga'a.

miidhaga ma.
GAO

ijatti yookiin gurratti toliinsa; "Miidhagaafi miidhama walbiraa hindhaban."

miidhagaa ad.
GAO

kan ijaafi gurratti tolu, bareedaa.

miidhagduu ad.
GAO

Tan miidhagina qabdu, simbo qabeettii.

miidhagfachuu go.
GAO

ofiif akka miidhagu gochuu.

miidhagsiisuu go.
GAO

akka miidhagsu gochuu.

miidhagsuu go.
GAO

ijatti yookiin gurratti tolchuu, bareechuu; Miidhagaadha jettee namatti hinodeeffatiin.

Sponsors