Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
marfata
GAO

"marsa" ilaalaa.

marfatamuu
GAO

"marsamuu" ilaala.

marfii ma.
GAO

meeshaa lolaa yookiin waraanaa, kan rasaas guddaa dhukaasu.

marga ma.
GAO

biqiltuu fuula lafaa uwwiftu, kan baalli qaqalloo, kan horiin dheeddu.

margaa ad.
GAO

1. hojja qabeessa, dheeraa. 2 kan lafaa ol biqilu.

margii
GAO

"margaa" ilaalaa.

margisiisuu go.
GAO

akka margu, lalisu gochuu.

margoo ad.
GAO

hojjaa kan qabu, bayii.

Marguu go.
GAO

1. margi biqiluu. 2 guddachuu yookiin dheerina dabalachuu.

mari'achiisaa ad.
GAO

kan marii kennu, nama gorsa namaa kennu, danda'u.

mari'achiisuu go.
GAO

gorsa kennuu.

mari'achuu go.
GAO

marii fudhachuu, marii  qabaachuu, waayee waan tokkoo irratti dubbachuu.

marii 1 ma.
GAO

1. dubbii namoonni waayee Jiruuf Jireenyaa keessatti yaada waI gegeeddaran, waliin kan haa hasa'an. ...

markaba ma.
GAO

bidiruu mootara qabu, kan galaana irra deemu, doonii, yabala.

marmaarfamuu
GAO

"marmaarsamuu" ilaalaa.

marmaarsa
GAO

"marmaara" ilaalaa.

marmaarsamuu go.
GAO

yeroo dheeraaf deddeebifamuu.

marmaaruu go.
GAO

ammaa amma deebi'uu, nuffa malee deemuu.

marqa ma.
GAO

waliin makusa, waliin dhayiisa.

marqaa ma.
GAO

nyaata daakuuf keessattuu daakuu garbuuf bishaan yookiin aannan waliin maakanii qopheessan; Marqaa g...

Sponsors