Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
maraataa
GAO

"maraatuu 2" ilaalaa.

maraattuu
GAO

"maraatuu 2" ilaalaa

maraatuu 1
GAO

"maraachuu" ilaalaa.

maraatuu 2 ma.
GAO

nama mataan sirrii hinhojjenne; Maraatuu abbaatu hidhata.

maraatuu funyoo ta'uu go.
GAO

waan ta'e tokkoon aaree akka malee  dheekkamuu; Horiin jalaa bannaan maraatuu funyoo ta'e.

marabbaa ma.
GAO

haa ta'u jecha yookiin amiin jedhanii fudhacha.

maragachuu go.
GAO

mana ofii maragachuu, ofiif maragachuu.

maragamuu go
GAO

1. dhoqqeen itti dhoobamuu; Manni mukaa yoo maragame qorra galchuu dhiisa. 2.itti duuduu, itti baay'...

maragsiisuu go.
GAO

akka maragamu gochuu.

maraguu go.
GAO

1. dhoqqeedhaan cuqqaaluu yookiin duuchuu. 2. itti duuduu yookiin itti nam'uu.

maramaa ad.
GAO

kan walitti marame.

maramaara ma.
GAO

yeroo baay'ee itti deddeebi'a.

maramarsiisuu go.
GAO

akka marammaru gocnuu.

maramaruu go.
GAO

1. hakiimiin dhukkuba namaa qoree ilaaluu. 2. poolisiin dubbii dhoksaa qorachuu.

marammare go.
GAO

1. hakiimiidhaan ilaalamuu. 2. sakatta'amee ilaalamuu; Poolisiin nafa isaa marammare.

marcummee
GAO

"shaxee 2" ilaalaa.

mardaasaa ma.
GAO

1. shaashii dur bareedaa irraa hojjetamu. 2 maqaa namaa.

mardee ma.
GAO

dhibee cimaa nama irraa namatti darbu, maariyyee, maaritee.

maree
GAO

"marii 1" ilaalaa.

marfamuu
GAO

"marsamuu" ilaalaa.

Sponsors