Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
maqaa irra kaa'uu
GAO

"maqaa baasuu 3"ilaalaa.

maqaa ma.
GAO

moggaasa namaaf yookiin uumamaa hundaaf bawu; Maqqaan kee eenyuu? 2.yaraa hojjechuudhaan kan namaaf ...

maqaa maaliif ma.dha.
GAO

qabata maaliif, qabata kamiif; Maqaa maaliif horii na dhowwatee?

maqala ma.
GAO

muka haalbee yookiin muka billaa.

maqasii ma.
GAO

meeshaa qaramaa kan walitti hidhame, kan yammuu wal irra qaxxaamuru waan isa gidduu gale muru.

maqasiisuu go.
GAO

akka maqasu gochuu.

maqasuu go.
GAO

maqasiidhaan muruu.

maqsiisuu go.
GAO

akka maqa hojjetu gochuu.

maqsuu go.
GAO

karaa irraa jallisuu, gara mirgaa yookiin bitaatti jallisuu.

maquu go.
GAO

waan seeraan ala ta'e hojjechuu, namatti yaraa ooluu.

mar'a ma.
GAO

1. sagalee loonii, hoolaa, re'ee, w. k.f . ; "Haati reettii mar'a beekti." 2. sagalee guddaa, iyya

Mar'imaan bu'uu
GAO

"mar'immaan bu'uu" ilaalaa.

mar'immaan bu'uu go.
GAO

mar'immaan bakka gadhiisuu.

mar'immaan ma.
GAO

mi'a garaa kan garaachaa gadi jiru, kan akka funyoo wal maru. 2.kan humna hinqabne, dadhabaa.

mar'ummaan
GAO

"mar'immaan" ilaalaa.

maraa ad.
GAO

waan walitti marame; Funyoo maraa lama bitate.

maraabaa
GAO

"marabbaa" ilaaJaa.

maraachisuu go.
GAO

1. akka maraatu gochuu. 2. daara gachiisuu, qalbii dhowwuu; Jaalalatu gurbaa maraache.

maraachuu go.
GAO

1. maraatuu ta'uu. 2. akka maraatuu ta'uu, daara gatuu, qullaa deemuu,qalbii dhabuu

maraammartoo ma.
GAO

dhibee mataa nama naannessu, jaanjoo yookiin joonjee.

Sponsors