Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
820 Jechoota
mammaksuu
GAO

"mammaaksisuu" ilaalaa.

mamsa
GAO

"mamiinsa" ilaalaa.

mamuu go.
GAO

amantii wayii dhabanii shakkuu; Nama hunda mamuun fira nama dhabsiisa.

Man'ee billaa ma.
GAO

qola billaan keessa taa 'u, kan gogaa horii irraa hojjetamu.

man'ee handaaqqoo ma.
GAO

qooxii handaaqqoon irratti galtu.

man'ee hantuutaa ma.
GAO

bakka hantuunni keessa jiraattu.

man'ee sarariitii ma.
GAO

kirrii sarariitiin ittiin waan lubbuu qabu qabdu.

man'ee sharariitii
GAO

"man'ee sararitii" ilaalaa.

mana baasuu go.
GAO

warra wal fuudhaniif waan barbaachisu kennanii kophaa jiraachisuu; Ilma isaa fuusisee mana baase.

mana barumsaa ma.
GAO

bakka barumsa itti argatan.

mana dhugaatii ma.
GAO

bakka dhugaatiin keessatti gurguramu.

mana fincaanii ma.
GAO

1. mana fincaan itti fincaa'an. 2. mana garaa ofii itti qulqulleeffatan.

mana foonii ma.
GAO

bakka foon itti gurguran.

mana hodhaa ma.
GAO

mana daarri yookiin uffatni  makiinaadhaan keessatti hodhamu.

mana hojii ma.
GAO

bakka itti hojiin geggeeffamu.

mana hoteelaa ma.
GAO

bakka nyaataafi dhugaatiin itti tajaaJilamu.

mana ma.
GAO

waan keessa jiraachuuf namni ijaarratu, Mana ijaarrachuun horiifi humna baay'ee gaafata.

mana maxxansaa ma.
GAO

baaa keessatti qixaa'ee bawu.

mana poostaa ma.
GAO

mana xalayaa gosa gosaa marmaarsuudhaan tajaajila kennu.

mana sagadaa ma.
GAO

bakka keessatti Waaga kadhatan.

Sponsors