Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
137 Jechoota
ilaallachuu go.
GAO

1.ofiif  jedhanii ilaaluu. 2. hamaa irraa of eeguu. 3. fuudhaaf durba filachuu.

ilaallannaa
GAO

"ilaallachuu" ilaalaa.

ilaaltuu
GAO

"ija2" ilaalaa.

ilaaluu Go.
GAO

1. ijaan arguu. 2. arrabaan mi'aawaa yookiin akkaataa itti jiru baruu.

ilaamaa ma.
GAO

1. bakka rukutuuf akeekkatan. 2. waan ija irra keewwatan.

ilaamee go.
GAO

1 . mee ilaali. 2 waan siin jedhu kana hubadhu mee.

ilacha ma.
GAO

bitaa mirga fuulaa kan boqoo olii.

ilbiisa ma.
GAO

1. waan faayidaa hi1.q:abne, shifii. 2. uumama shifii. 3. seexana. 4 dhibee saree maraatuu.

ililcha ma.
GAO

sagalee yoo gammadan dhageessisan.

ililchuu go.
GAO

ilil jechuu.

ililii
GAO

"ililcha" ilaalaa.

ilillii 1 ma.
GAO

qaama diimaa mataa handaaqqoo irratti bawu.

ilillii 2 ma.
GAO

abaaboo birraa.

ilka beeree ma.
GAO

suuqqata boqqolloo, kan darbee darbee ija naqate, kan akka ilkaan beetaa.

ilka ma.
GAO

ilkaan arbaa, karkarroo.

ilkaan beeree
GAO

"ilka beeree" ilaalaa.

ilkaan dhalootaa ma.
GAO

ilkaan ijoollummaa,kan waggaa jahaan booda buqqa'u.

ilkaan fardaa ma.
GAO

1. ilkaan fardi baasu. 2. ilkaan akka ilkaan fardaa guguddatu.

ilkaan ma.
GAO

waan adii akka lafee kan irga yookiin hindiddii keessaa margu.

ilkaan maa'ilaa ma.
GAO

1. ilkaan wal irratti marge. 2. ilkaan rukutamee gurraacha'e.

Sponsors