Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
137 Jechoota
ija laafaa ad.
GAO

kan ija namaa hinbaanne;Ija laafessi waan garaa dubbatee hinbaasu.

ija laafettii ad.
GAO

dubartii qaanii guddiftu.

ija midhaanii
GAO

"ija" ilaalaa

ija mukaa ma.
GAO

1. firee yookiin buusaa mukaa. 2. ijoo, iddoo damee, mukaa itti margu.

ija nyaachuu go.
GAO

qaanii dhabuu, addaggee ta'uu.

ija qersuu go.
GAO

1. ija xiqqeessanii bananii nama ilaaluu. 2. ija tuffiin nama ilaaluu.

ija qisuu
GAO

"ija qersuu" ilaaiaa.

ijaa baduu go.
GAO

1. ballaa ta'uu. 2. yeelloo dhabuun nyaara haaddachuu.

ijaan dubbachuu go.
GAO

waan ta'e ijaan himuu.

ijaan hatuu go.
GAO

ija dhoksaatiin nama ilaaluu.

ijaaramaa ad.
GAO

1. kan ijaarame. 2. kan haala gaariin gurmaa'e.

ijaaramuu go.
GAO

manni, dallaan, w.k.f. tolfamuu.

ijaarrachuu go.
GAO

1. dallaa,mana, w.k.f. tolfachuu, qopheeffachuu. 2. waan ta'e dhaabuu; Koree barumsa qubee ijaarrata...

ijaarrannaa ma.
GAO

waan akka manaa tolfacha.

ijaarsa
GAO

"ijaara" ilaalaa.

ijaarsisuu go.
GAO

akka ijaaru gochuu.

ijaaruu go.
GAO

1. waan akka manaa qopheessuu. 2. qindeessuu,dhaabuu; Waldaa barattootaa ijaare.

ijibbaachuu go
GAO

1. waan barbaachisu hunda godhanii yookiin yaalanii abdii kutachuu, irraa bawuu, garaa kutachuu. 2. ...

ijibbaata ma.
GAO

ba'anii bu'anii, dhama'anii abdii kutacha, irraa ba'a; ijijibbaata du'aa imimmaantu bu'a.

ijiruu
GAO

"iriguu" ilaalaa.

Sponsors