Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
hacuucamaa ad.
GAO

1.kan seera malee hammeenyi irratti oolame, cunqurfamaa. 2. walitti duuchamaa.

hacuucamu go.
GAO

1.seera malee hamilee nama irratti hojjetamuu, cunqurfamuu. 2. walitti duuduu.

hacuuccaa ma.
GAO

huba yookiin miidhaa seera itti nama irra gawu.

hacuuccituu ad.
GAO

kan hacuuccaa guddistu yookiin baay'istu.

hacuucuu go.
GAO

seera malee nama hammeenya namatti ooluu, rakkisuu.

Hadaamaa ma.
GAO

maqaa magaalaa Baha Shawaa, Adaamaa.

hadaamii ma.
GAO

muka baala furaa kan yoo cabsan aannan bawu.

hadhaa'a ma.
GAO

1.mi'aaya dhabiisa. 2. jaalala dhabiisa, Jibba.

hadhaa'aa ad.
GAO

kan hinmi'oofne, kan yoo arrabaan tuqan nama suukessu; Baalli eebichaa hadhaa'aadha.

hadhaa'uu go.
GAO

mi'aawuu dhiisuu, yoo arrabaan tuqan nama suukessuu.

hadhawaa ma.
GAO

waan akka coomaa, kan lafee keessatti argamu, dhuka.

hadheesauu go.
GAO

1.akka hadhaa'u gochuu. 2. akka jibbamu yookiin hamaani itti yaadamu gochuu.

hadhooftuu 1 ma.
GAO

qaama bifti magariisaa kan moggaa tiruutti argamu, kan keessi dhangala'aa qabu.

hadhooftuu 2 ad.
GAO

dubartii jaalala hinqabne, kan waan ishiin dubbattu marti hamaa ta'ee mul'atu.

hafarsa ma.
GAO

qilleensa itti hulgufa.

hafarsaa ma.
GAO

meeshaa qilleensa ittiin hafarsan.

hafarsaataa Ma.
GAO

yaa'ii hattuu, shiftaa,w.k f. baasuuf walitti ba'an.

hafarsituu ad.
GAO

nama hafarsaadhaan midhaan calleessu yookiin calleessitu.

hafarsuu go.
GAO

qilleensa itti kennuu, itti hurgufuu.

hafiitii
GAO

"hafa" ilaalaa.

Sponsors