Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
hoxxee ma.
GAO

mana xinnoo yookiin dhiphoo, godoo.

hoxxoo
GAO

"hooqxoo" ilaalaa.

hoyixoo
GAO

"hooqxoo" ilaalaa.

hoyixuu ma.
GAO

1 ."hooqxoo" ilaalaa. 2. kan ittiin waa hooqan.

huba ma.
GAO

miidhaa yookiin badiisa gawu; Huba namaa irra gawu of irraa faccisuun waanuma jiru.

hubaatii
GAO

"huba" ilaalaa.

hubacha
GAO

"hubata" ilaalaa.

hubachuu go.
GAO

qalbiidhaan ilaaluu, qalbifachuu; "Odoo hin qubaa hingubatiin.

hubamaa
GAO

"huba" ilaalaa.

hubamaa ad.
GAO

kan miidhaan irra gaye.

hubamuu go.
GAO

hubaatiin nama irra gawuu.

hubannaa
GAO

"hubata" ilaalaa.

hubannoo
GAO

"hubata" ilaalaa.

hubata ma.
GAO

akkaataa waan tokko itti Jiru qalbiin ilaalcha, quba gabeenya, beekurnsa, towacha.

hubatamaa ad.
GAO

kan sirriitti ilaalame yookiin to'atame; Dubbiin kun hubatamaadha,humaa waan mamaa hinqabu.

hubatamuu go.
GAO

waan ta'e sirriitti ilaalamu , to'atamuu, qalbifamuu; Qoricha ta'iisni hubatamu malee waanuma argite...

hubboo ma.
GAO

mi'a supee irraa hojjatame kan dubartiin bishaan waraabbattu. 2. okkotee yookiin washoo

hubii 1
GAO

"huba" 1laala.

hubii 2
GAO

"hubata" ilaalaa

huboo
GAO

"huba" ilaalaa

Sponsors