Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
haareesuu go.
GAO

1.akka haaraa fakkaatu gochuu. 2. yaada ofi wal dhageessisaa eebisanii calqabuu.

haarii ma.
GAO

waan hintolle yookiin badaa tokko arganii, hojjetanii yookiin nama gahee dallansuu, danfa, bulluqa n...

haarrii ma
GAO

Jirbii lallaafaa bareedaa raammoon qopheessitee namni uffataaf dhahatu.

haarsuu
GAO

"aarsuu" ilaalaa.

haasa'uu go.
GAO

1.wan tokko deebisanii taphachuu. 2. rakkoo garaa ofii himuu, odeessuu: 3. waan ta'e dubbachuu.

haasaa ma.
GAO

yaada sagaleen wal dhageesissa dubbatan; Jaarsi haasaa hinseenu.

haashuffee ma.
GAO

1. marga caffee keessaa. 2. marga itillee Jala afatan.

haasisuu go.
GAO

akka haadhu gochuu.

haasofsiiauu go.
GAO

akka haasa'u yookiin haasoftu gochuu.

haasofsiifachuu go.
GAO

1.akka tabatu goosisuu, dubbisiifachuu. 2. fuudhaaf intalatti ergachuu (nama).

haasoftuu ad.
GAO

1.tan waan ta'e dubbattu. 2. tan taba guddistu. 3. tan tapha faaraan beektu.

haasolee ad.
GAO

dubartii dubbii guddistu, odeessituu.

haatachuu go.
GAO

mallattoo harKaatiin koottu jechuu, harkaan ofitti waamuu.

haatamuu go.
GAO

harkaan waa mamuu.

habaabayyuu ma.
GAO

abbaa akaakayyuu yookiin akkawoo.

habaabii ma.
GAO

1.waxii shiroo yookiin ittoo. 2. sunqoo.

habaaboo ma.
GAO

daraara fiixee biqiltuutti bawu yookiin margu.

habaabuu go.
GAO

daa'imti reefuu dhalatte nyaata calqabuu; Mucaan hamma yoonaa hinhabaabne.

habaahaa ma.
GAO

sanyii seem kan baha Afriikaa keessatti argamu.

habaarsa
GAO

"abaarsa" ilaalaa.

Sponsors