Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
hirma ma.
GAO

1.wadaroo dooqni itti naqamee dubartiin dugdatti hidhattu. 2. sabbata bareedaaf hidhatamu.

hirmaata
GAO

"hirata" ilaalaa.

hirmii baafachuu go.
GAO

fira du'ee boowuu, hirmii tufuu.

hirmii ma.
GAO

1. nyaata qulqulluu hinta'iin, kan amantiin balfame, baktii. 2. waan abaarsa qabu, laguu.

hirmii nyaachuu go.
GAO

du'a firaa odoo hingayiin midhaan nyaachuu.

hiroo
GAO

"hiriyaa1" ilaalaa.

hirree
GAO

"irree" ilaalaa.

hirreecha
GAO

"hirreessa" ilaalaa.

hirreeffachuu go.
GAO

hirreessa qabatanii Waaqa yookiin ayyaana kadachuu, galata galfachuu. .

hirreessa ma.
GAO

marga jiidhaa keessattuu cogorsa yookiin  araddaa, kan qabatanii waaqa kadhatan.

hirriba ma.
GAO

qaamni boqotee mugaatiin nama fudhacha.

hirsii ma.
GAO

kenna qabeenya ofii irraa cabsanii kan dhabeef kennan.

hirsiisuu go.
GAO

akka hiru gochuu.

hirsuu go.
GAO

waan qabani irraa qoodanii kan dhabee kennuu.

hirtaa ma.
GAO

1. "irboo2" ilaalaa. 2. daldala bu'aa qixxee nyaatan.

hirtuu ad.
GAO

1. dubartii waan ta'e gargar baaftee namaa kennitu. 2. harjaa, gara laafettii.

hirumu go.
GAO

1.gargar baafamuu. 2: qoonni abbaaf kennamuu.

hiruu go.
GAO

1. qooda abbaa abbaaf kennuu. 2. gargar baasuu.

hiyyeecha
GAO

"hiyyeessa" ilaalaa.

hiyyeechuu
GAO

"hiyyeessuu" ilaalaa.

Sponsors