Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
haqqee ma.
GAO

waan garaadhaa ol deebi'u, diddiga.

haqqii
GAO

"haqa 1"  ilaalaa.

haqqisiisuu go.
GAO

akka haqqisu gochuu.

haqqisuu go.
GAO

garaadhaa ol deebisuu, diddiguu.

haqsiifachuu go.
GAO

akka haqu gochuu.

haqsiisuu go.
GAO

akka haqu gochuu, duguugsisuu.

haquu go.
GAO

waan ta'e haxaa'uu yookiin xaraguu.

haqxuu 1 ad.
GAO

tan waan ta'e haxooftu yookiin xaragdu.

haqxuu 2 ma.
GAO

mi'a waa ittiin haxaa'an yookiin duguugan.

hara 1 ad.
GAO

dadhaba hojiijabaa irraa yookiin gadda guddaa irraa dhufu.

hara 2 ad.
GAO

kan abbaa hinqabne, kan hundaa kan ta'e; Lafa haratti horii yoo bobbaafatan kannama gaafatu hinjiru.

hara 3 ad.
GAO

gamisa odoo hinta'in, hunda, mara, cufaa;Nama haratu hojiif dhufe.

hara 4
GAO

"haroo 1" ilaalaa.

hara 5 ma.
GAO

hartuudhaan huuba,kosii, w.k.f. walitti qabiisa, haxaa'a, hammaara.

hara malee da.go.
GAO

hamma barbaachisu caalaa, baay'ee, gar malee.

haraa ma.
GAO

1. waan haramee gatamu, kosii. 2.mi'a keessumattuu kan lafa ittiin haran yookiin haxaa'an.

haraada bawuu go.
GAO

waan fedhan yookiin nama dharraasise argatanii quu' u dharraa bawuu.

haraada ma.
GAO

barbacha waan baratanii suusii.

haraadsisuu go.
GAO

akka haraadu gochu.

haraaduu go.
GAO

waan baratan barbaaduu, dharra'uu, baay'isanii kajeeluu.

Sponsors