Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,105 Jechoota
haleeluu 2 ma.
GAO

meeshaa midhaaniin safaran,kan jaatamni kiiloo dhibba guutu, kan macaqoloo fakkaatu.

halkan ma.
GAO

1.yeroo ifi hinjirre, dukkana. 2. lixa aduutii qabee hamma baha aduutti.

halkan wadhakkaa da.go.
GAO

aduun dhiitee A.L.H.tti sa'aatii Jayaan booda, halkan qixxee, halkan walakkaa.

halkan walakkaa
GAO

"halkan wadhakkaa" ilaalaa

halkanaa'uu go.
GAO

1.dukkanni galgala dhufuu. 2. galgalli fagaachuu. 3. guyyaan dukkanaa'uu.

halkaneeffachuu go.
GAO

1.amma dukkanni galgala dhufutti turanii eeggachuu. 2. waarii dheereffachuu, waariisifachuu.

halkaneessuu go.
GAO

amma dukkanni dhufutti turuu, dukkaneessuu.

hallacha ma.
GAO

halloo yookiin laaftoo cuubanii uffata diimefaachuu.

hallachuu bartee ad.
GAO

tan yeroo ishii malee dhiira barte, tan odoo hingayin geesse.

hallachuu go.
GAO

1.uffata ofii halluu cuubuu. 2. halloo ta'uu, diimachuu.

hallaga ma.
GAO

dalga muriisa yookiin muriisa dalgaa.

hallagachuu go.
GAO

dalga murachuu.

hallagamaa ad.
GAO

kan dalga murame.

hallagamuu go.
GAO

dalga muramuu.

hallagsiisuu go.
GAO

aKka hallagu gochuu.

hallaguu go.
GAO

sokee yookiin dalga muruu.

hallayyaa
GAO

"halayaa" ilaalaa.

hallayyaa buusuu
GAO

"halayaa buusuu" ilaalaa.

halleessuu 1 go.
GAO

akka diimatu gochuu, diimessuu.

halleessuu 2 go.
GAO

akka hedduu ta'u gochuu, baay'isuu.

Sponsors