Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
919 Jechoota
gadafee ma.
GAO

biyyee lafa irraa argaa wajjin kaachisan, siqqaa; Biyya mukni hinjirre.

gadamsa ma.
GAO

bineensa yookiin oru daggalaa kan gaafnisaa dheeraa qabu.

gadhaa
GAO

"garaa" ilaalaa.

gadhaa'uu go.
GAO

gadhee ta'uu.

gadhaawuu
GAO

"gadhaa'uu ilaa a

gadhafaa ad.
GAO

1. waan ergaan tokko faca'e yookiin dhaaba keessaa kan dura gawu. 2. daraaraa yookiin abaaboo harca'...

gadhee ad.
GAO

1.waan nafa hormaataa kan dhiiraafi dubartii lachuu qaba Jedhamu daansee, sangaa raadaa (yeroo baay'...

gadheessuu go.
GAO

akka gadhee ta'u gochuu.

gadhiisaa ma.
GAO

yeroo loon tiksuu dhiisan, gadi dhiisaa; Yoo gadhiisaan gaye loon bakkuma fedhan oolan.

gadhiisuu
GAO

"gadi dhiisuu" ilaalaa.

gadi baa'uu go.
GAO

keessaa gara alaatti akka bawu gochuu. 2. ifatti baasuu, muldhisuu.

gadi da.go.
GAO

1.iddoo ol hinta'in, daka; Baddaa hindhaabbatinii gadi bu'i. 2.bakkee ol 'aanuu gara daka ta'etti.

gadi deebi'a
GAO

"gadi deebii" ilaalaa.

gadi deebii ma.
GAO

oggaa baddaadhaa gadi deebi'an; Aroma bayeeti gadi deebii natti gora.

gadi deemuu go.
GAO

1.gara gadi aanutti deemuu. 2. guddina dhabuu, mujujuu.

gadi dhiifamaa ad.
GAO

kan gadi lakkisame.

gadi dhiifamuu go.
GAO

wanti hidhame yookiin qabame gadi lakkifamuu.

gadi dhiisuu go.
GAO

1. "gadi lakkisuu" ilaalaa. 2. haadha manaa hiikuu, haadha manaa wajjiin gargar bawuu.

gadi dhoowuu go.
GAO

1. baay'inaan gadi dhangala'uu. 2. hara malee furdachuu, furdinqan gadi cituu.

gadi galaa
GAO

"gadi galii" ilaalaa.

Sponsors