Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
919 Jechoota
gurra dhaabuu
GAO

"gurra geersuu" ilaalaa.

gurra dhabuu go.
GAO

1. dhagawuu dhabuu. 2. gurra malee ta'uu. 3. maqaa dhabuu.

gurra dhawuu go.
GAO

1. gurra rukutuu. 2. dafanii gurguruu; Gabaa baasii dafii gurra dhayii koottu.

gurra soquu go.
GAO

maqaa barbaaduu, jabaa, beekaa, harjaa, w.k f. jedhamuu barbaaduu.

gurra urtuu ad.
GAO

seera gadaa keessatti obboleettii lubaa tan akka lubni looti diratuuf gurra isaa urtu.

gurraa 1 ma.
GAO

maqaa sa' a yookiin qotiyyoo gurraachaa.

gurraa 2 ma.
GAO

gosa qimamii, kan bifti isaa gurraachaa, xiqur azmuudii.

gurraacha ad.
GAO

1. kan bifti cilee, kasala, dukkana roobaa fakkaatu 2. gosa namaa kan bifti gurraacha ta'e.

gurraacha'uu go.
GAO

bifti gurraacha ta'e  Yoo aduu keessa oolan hingurraacha 'u.

gurraattii ad.
GAO

waan dhaltuu bifti gurraachaa;waan xinnoo bifti gurraacha ta'e.

gurrii
GAO

"hanxarfaa" ilaalaa.

gurroo
GAO

"gurra 1,2 " ilaalaa.

gurroolee ad.
GAO

waan baay'ee bifti gugurraa ta'e.

gursummaa ad.
GAO

dubartii dhirsa alaa baacee qobaa teessu, asmaaree.

gursummeetti
GAO

"gursummaa" ilaalaa

guruc godhuu go.
GAO

dhangala'aa xinnoo habbuuqqatanii gadi liqimsuu.

gurucii ad.
GAO

dhugaatii xinnoo yeroo tokko afaanitti guutatanii liqimsan, habbuuqqii; Bishaan gurucii tokkoyyuu ma...

gururi'a
GAO

"gorori'a" ilaalaa.

gururi'uu
GAO

"gorori'uu" ilaalaa

gussuu
GAO

"gugsuu" ilaalaa.

Sponsors