Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
919 Jechoota
gonkisuu go.
GAO

jaalala dhabuu,hammachuu, jibbamuu.

gonko 1 ma.
GAO

dhuma waan tokkoo.

gonko 2 da.go.
GAO

omaayyuu,sirumaa, qara; Gonko ani waan hamaa akkasii hojjechuu hinbarbaadu gonkuma "gonko" ilaalaa.

gonnee ma.
GAO

qaama dhalchaa keessattuu kan dhiiraa, cinaan, tuffee.

gonnoffee ma.
GAO

gosa surree kan xil godhee nama qabu yookiin muddu.

gonnonnaa'aa ad.
GAO

1. kan qajeelaa hinta'in, kan walitti suntuure. 2. qabee kan gadi hinlakkifne.

gonnonnaa'uu go.
GAO

1. nafti walitti butamuu, walitti suntuuruu. 2. qabee gadi dhiisuu diduu.

gonofee ma.
GAO

mi'a leemmanaafi hidda irraa dhahamee waan akka bunaa ittiin guuran; "Ilmi garamitti ba'a jedhan,gon...

gonoggona ma.
GAO

1. wal keessa xaxa, mara yookiin fooya akka shurrubbaa. 2. wal keessa mara, mataafi miilla dhowwa, b...

gonoggonachuu go.
GAO

wal keessa xaxachuu, foowachuu; Qajjiisa kee kana gonoggonachuu dhiifte.

gonoggonamuu go.
GAO

1. akka shurrubbaatti foowamuu. 2.wal keessa xaxamee bifa dhabuu; Abukaattoon marii guddisnaan dubbi...

gonoggontuu ad.
GAO

dubartii waan ta'e wal keessa xaxxu, kan dubbiin akka hinhiikamnetti gudunfitu.

gonoggonuu go.
GAO

1. wal keessa xaxu, maruu yookiin akka shurrubbaatti foowuu. 2. wal keessa xaxanii bifa dhabsiisuu, ...

goo'uu go.
GAO

waan ta'etti raphachuu yookiin ta'uu; Titiisni madaafi mi'a aannaniitti goo'uu Jaallata.

gooba ma.
GAO

1. qaama horii gaafaa yookiin gaala kan lum'ee yookiin morma irratti guddatee jiru, dalluu; Foon goo...

gooba qeerroo ma.
GAO

dhukkuba hudhaa yookiin kokkee kan afuura cufu yookiin kutu.

goobaa ad.
GAO

1. mirgoo yookiin qotiyyoo humna baase. 2. kan humna godhate.

goobana ma.
GAO

addeessa yookiin ji'a guutuu nafti isaa marti muldhatu.

goobanuu go.
GAO

addeessi guddachuu, nafti isaa hundi muldhachuu.

goobbaa
GAO

"gobba" ilaalaa.

Sponsors