Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
694 Jechoota
futta'uu go.
GAO

1. hidhaan battalatti gadi dhiifamuu. 2. gadi lakkifamuu.

futtaafachiisuu go.
GAO

akka futta'u gochuu.

futtaafachuu go.
GAO

1. hodhaan yookiin hidhaan hiikkachuu. 2. gadi lakkisuu; Cuqqaallaan xaarmusii yoo futtaafate guddaa...

futtaafamuu go.
GAO

hodhaan yookiin hidhaan hiikamuu; Loggomaan gilgilii jalaa futtaatame.

futtaasa ma.
GAO

waan muddamee jiru gadi lakkisa.

futtaasaa ma.
GAO

meeshaa iddaa fakkaatu kan ittiin xiyya darbatan.

futtaasee
GAO

"futtaasaa" ilaalaa.

futtaasisuu go.
GAO

akka futtaasu gochuu.

futtaasoo
GAO

"futtaasaa" ilaalaa.

futtaasuu go.
GAO

waan ukkaamame yookiin muddame battalatti gadi lakkisuu.

futteetti da.go.
GAO

otuu hinyaadiin, tasa; Futteetti ija balleesse.

futtisaa
GAO

"futtaasaa"  ilaalaa.

futuruu ad.
GAO

baay'ina kan qabu, danuu; "Biyya daadhii futuruu, sagal sagal gurguru".

fuudha ma.
GAO

dubartii haadha manaa yookiin niitii godhacha; Fuudha ilmaatiif daara irraa jala hodhiisiifate. 2. o...

fuudhamuu go.
GAO

1. niitii taasifamuu, heerumuu. 2. ol kaafamuu.

fuudhuu go.
GAO

1.dubartii niitii ofi godhachuu,abbaa manaa ta'uu. 2.ol kaasuu.

fuula baasuu
GAO

"fuula qabuu" ilaalaa.

fuula dura bu'uu go.
GAO

dura darbuu; Isa booda karaa calqabeeti  fuula dura  bu'e.

fuula dura da.go.
GAO

karaa fuulliitti garagalu.

fuula gurraachessuu go.
GAO

1. fuulli akka gurraacha'u gochuu. 2.'aarii agarsiisuu, nagaa dhabuu.

Sponsors