Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
694 Jechoota
furfuruu go.
GAO

1. qaamni yookiin madaan dhidhiita'uu. 2. lagni baay'ifachuu jalqabuu; Arfaasaa keessa lagni furfuru...

furgaafachuu go.
GAO

furgaasaa hiikkachuu; Funyoon furgaafacee hubboon (okkoteen) cabe.

furgaafamuu go.
GAO

1. furgaasaan ittii baafamuu. 2. furgaasaan gadi lakkifamu.

furgaasaa ma.
GAO

1. gudunfaa kan osoo harkisan hiikkatu. 2. maqaa namaa.

furguggee ma.
GAO

ulee gabaabaa darbatanii ittiin wanta ta'e rukutan, murxuxxee.

furguggisuu go.
GAO

furguggee darbachuu.

Furma ma.
GAO

ji'a Amajjiitti aanu, Guraandhala.

furrii baafachuu go.
GAO

furrii funyaan keessaa qulqulleessu yookiin baasuu.

furrii fuudhuu
GAO

"furrii baafachuu" ilaalaa.

furrii ma.
GAO

xurii funyaanii yookiin waan adii wal harkisu kan funyaan keessaa bawu; Yeroo qufaan nama qabu furru...

furrisa ma.
GAO

qaccee dhagaa ittiin darbatan, biliingota; Furrisaan simbira bisingaa irraa eegu.

furrisuu go.
GAO

furrisaan waa darbachuu.

furroo ma.
GAO

qufaa kotte duudaa.

fursiisuu go.
GAO

akka furamu gochuu.

furuu go.
GAO

1.rakkina jalaa baasanii boqochiisuu; Qorichi dhibee itti fure.  2. hidhaa itti laaffisuu.

furuurfamuu go.
GAO

humnaan darbatamuu.

furuursa ma.
GAO

1.humnaan fageessanii darbacha; Dhagaa turuurseeti jaldeessa rukute. 2. garaa kaasa.

furuursisuu go.
GAO

akka furuursu gochuu.

furuursuu go.
GAO

1. humnaan fageessanii darbachuu. 2. garaa kaasuu; dhukkubni garaa isaa turuurseeti  isa  laaftise...

futee
GAO

"munnee" ilaalaa.

Sponsors