Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
694 Jechoota
fulchuu go.
GAO

ija dubbii qabachiisu; Gamnaaf dubbii fulchuu.

fuliyoo ma.
GAO

hantuuta daggalaa kan eegeefi gurra gurguddatu.

fulla'uu go.
GAO

1.uramuu; Bineensi eeboodhaan fulla'e 2. deemanii fagaachuu; Horiin ija jalaa fulla'aniiru.

fullaafamuu go.
GAO

1.keessa dabarfamuu. 2. fiixaan baafamuu; Dubbiin mana barmootaa sun fullaafameera.

fullaasa ma.
GAO

keessa dabarsa, bakkaan gaya.

fullaasisuu go.
GAO

akka  fullaasu  gochuu.

fullaasuu go.
GAO

1. uranii keessa dabarsanii gamaan gawuu. 2. waan abbalan bakkaan gawuu.

fullisuu go.
GAO

hojii malee ganda irra deemuu; Sareen asiifi achi fulliseeti nyaata barbaaddata.

fuluu da. go.
GAO

karaa boroo kan dhiphoo ta'e; Karaa balbalaa itti dhufnaan karaa fuluu jalaa baye.

funaana ma.
GAO

tokko tokkoon bu'annaa.

funaannachuu go.
GAO

xixinneessanii walitti qabachuu; Qoraan funaannachuu deemte.

funaansa ma.
GAO

walitti qabiisa, bu'acha, funaana; Funaansa garbuutu yeroo jalaa balleesse.

funaansisuu go.
GAO

akka funaanu gochuu.

funaanuu go.
GAO

1. tokko tokkoon (yeroo baay'ee qubaan) bu'uu. 2. waan xinnoo asiifi achi walitti guuruu; Hanxaxii f...

funfacha ma.
GAO

funyaaniin ilaalcha yookiin urgeeffacha.

funfachiisuu go
GAO

akka funfatu gochuu.

funfannaa
GAO

"funfacha" ilaalaa.

funfatamuu go.
GAO

fooliin ilaalamuu.

fungaa ad.
GAO

nama funyaan furdatu.

funuuna ma.
GAO

dhiiga funyaaniin bu'u.

Sponsors