Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
694 Jechoota
focii ma.
GAO

bineensa adurree fakkaattu kan fooliin ishii gar malee ajaa'u.

foddaa ma.
GAO

hulaa qilleensiifi ittin akka mana seenaniifi ba'an godhu, maskootti.

fodoo ad.
GAO

dhundhula yookiin conqola'aa.

fodooddoo galuu go.
GAO

gadi dhundhulanu yookiin conqola'anii rafuu.

foggi ma.
GAO

allaattii raqa nyaatu, Joobira.

fokkachiisuu go.
GAO

fokkataa taasisuu, bifa dhabsiisuu.

fokkachuu go.
GAO

bareedina dhabuu; Abbaan ofitti hinfokkatu.

fokkataa ad.
GAO

kan bifa yookiin bareedina hinqabne, fokkisa

fokkina
GAO

"fokkisa" ilaalaa.

fokkisa ma.
GAO

bareeda dhabiisa, Fokkisa jechuun dhabi.

fokkisaa
GAO

"fokkataa" ilaalaa.

fokkisiisuu go.
GAO

akka fokkisu gochuu.

fokkisuu go.
GAO

bareedina dhabuu; Namni kan fokkisu yoo deege duwwaadha.

fokkuu ma.
GAO

hir'ina qabeenyaa, Hojiin kee fokkuu hinqabu.

foksa ma.
GAO

bututtuu yookiin waan akka arrii mukaatiin haxaawa.

foksamuu go.
GAO

foksoodhaan haxaawamuu; Okoleen foksame aannan urgeessa.

foksoo ma.
GAO

quncee doobbil arrii multaa yookiin bututtuu mi'a aannani erga qoraasanii ittiin haxaawan,- Foksoon ...

foksuu go.
GAO

foksoodhaan haxaawuu. 2.sirriitti haxaawuu.

folama 1 ma.
GAO

gar malee nyaatama.

folama 2 ma.
GAO

gar malee arrabsama.

Sponsors