Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota
1,832 Jechoota
Dhibamuu 1 go.
GAO

dhukkubni namatti dhaga'amuu.

Dhibamuu 2 go.
GAO

jiraachuu hafuu, dhabamuu.

dhibantaa ma.
GAO

waan akka ijaatti ilaalamu, waan tokko keessatti waan iddoo guddaa qabaatu.

dhibba ma.
GAO

lakkoofsa sagaltamii sagalitti aanee dhufu; Kudhan si'a kudhan dhibba ta'a.

dhibee 1
GAO

"dhukkuba" ilaalaa.

dhibee 2 ma.
GAO

dhaba qabeenyaa, hiyyuu, deega; "Ijoolleen dhibee hinbeektuu, moofaa abbaatti quba dhoofti".

Dhibeechuu
GAO

"dhibeessuu" ilaalaa.

dhibeessuu go.
GAO

akka dhibaawu gochuu.

dhiboo
GAO

"dhibaa 1" ilaalaa.

dhibooftuu ad.
GAO

1. nama tapha guddisu. 2. tan jiruu akka irraa barbaadamutti daftee hinhojjenne, rakkistuu.

dhibuu 1 go.
GAO

jiraachuu hafuu; Horiin dhibu malee maaltu gaarii ,jibba.

dhibuu 2 go.
GAO

rakkina itti uumuu. 2. dhukkubni itti dhaga'amuu.

dhidhiibamuu go.
GAO

harkaan sukkuumamuu. 2. of agarsiisaaf jecha karaa deemuu, dhommoquu.

dhidhiibbaa ma.
GAO

caba yookiin m11dhama ta'e deebisuuf jecha sukkuuma waan ta'e sukkuuman.

dhidhiibbachuu go.
GAO

miidhama qaama ofii deebifachuu.

dhidhiibsifachuu go.
GAO

miidhama bakkatti deebisiifachuu.

dhidhiibsisuu go.
GAO

akka dhidhiibu gochuu.

dhidhiibuu go.
GAO

harkaan sukkuumuu. 2. caba bakkatti deebisuuf sukkumuu.

dhidhiitacha ma.
GAO

miillaafi harka oliifi gadi warraaqsa; Horiin goondaan itti nam'e dhidhiitacha guddisa. 2. waan akka...

dhidhiitachiisuu go.
GAO

akka dhidhiitatu gochuu.

Sponsors