Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
wayyaa 2 ma.
GAO

waan uffatan, kafana, huccuu; Gabaadhaa wayyaa bitatee uffate.

wayyaalee
GAO

"muujalee" ilaalaa.

wayyaawuu go.
GAO

fayyaa argachuu, nagaa ta'uu; Dhibeen isaa itti wayyaawuu qabeera.

wayyeechuu
GAO

"wayyeessuu" ilaalaa.

wayyeessuu go.
GAO

wayyaa taasisuu, nagaa akka argatu gochuu; Qoricha xinnootu wayyeesse.

wayyoo 1 din.
GAO

Sagalee dinqifannaa yookiin raajeffannaa agarsiisu; wayyoo! yaa ilma koo maal taatee?

wayyuu go.
GAO

kan biraa irra filatamaa ta'uu, caalmaa qabaachuu; Dhaabbachuu irra taa'umsa hinwayyuu Iaata?

weeddisiisuu go.
GAO

akka weedd,isu gochuu.

weeddisuu go.
GAO

weedduudhaan sirbanii faarsuu; Weedduu loonii weeddisuu jaarsatu beeka.

weedduu ma.
GAO

sirba waan ta'e ittiin faarsan; Bakka dabootti weedduu loonii sirbu.

weelisuu
GAO

"wallisuu" ilaalaa

weellee
GAO

"wallee"  ilaalaa.

weellisuu
GAO

''wallisuu" ilaalaa.

weenna'a
GAO

"wenna'a" ilaalaa.

weenna'uu
GAO

"wennawuu"  ilaalaa.

weennachuu
GAO

"wennachuu" ilaalaa.

weennawuu
GAO

"wennawuu" ilaalaa.

weennii ma.
GAO

bineensa qamalee fakkaatu kan bifti adiifi gurraacha makatu.

weennoo
GAO

"wenna'a" ilaalaa.

weesoo ma.
GAO

mi'a Coqorsa yookiin sange dara irraa hojjetamu, kan uffata keessa kaawwatan. 2."heechoo" ilaalaa.

Sponsors