Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
wawacuu go.
GAO

otoo wal hindhaggeeffatin sagalee ol fuudhanii dubbachuu; Subii (Suubii) kan wawacu simbira.

wawuu 1 ma.dha.
GAO

homaa, hammamuu; Horii wawuu hinqabu.

wawuu 2 da.go.
GAO

lakkii mitii, waawuu; Wawuu, hindhutu jedhe.

wawwaacha
GAO

"watwaata" ilaalaa.

wawwaachisuu
GAO

"watwaachisuu" ilaalaa.

wawwaachuu
GAO

"watwaatuu" ilaalaa.

wawwaatuu
GAO

"watwaatuu" ilaalaa.

wawwacuu
GAO

"wawacuu" ilaalaa.

waxala ma.
GAO

1.abiddaan rukuchiisa. 2. karaabii yookiin alangaadhaan olii gadi fiigsanii rukucha; Ilma isaa ganam...

waxalamuu go.
GAO

waadamee bilchaachuu; Asheetni ataraa yoo waxalame mi'aaya. 2. sirriitti dhaanamuu, reebamuu; Waa ba...

waxaloo ad.
GAO

midhaan abiddaan waxalamee bilchaate.

waxalsiisuu go.
GAO

akka waxalu gochuu.

waxaluu go.
GAO

abiddaan waaduu, bilcheessuu; Tikseen asheeta waxalatee nyaata. 2. sirriitti dhaanuu Daa'ima hattu h...

waxii ma.
GAO

shiroo yookiin foon danfisamee buddeenaan tuqatanii yookiin cuubbatanii nyaatan, ittoo.

wayaa
GAO

"wayyaa 2 " ilaalaa.

wayeelka ad.
GAO

nama baay'ee dulloome, maanguddoo; Jaarsa wayeelka mala gaafatu.

wayi
GAO

"waa 1" ilaalaa.

wayita
GAO

"yeroo 1" ilaalaa.

wayitii
GAO

"yeroo 1" ilaalaa.

wayyaa 1 ad.
GAO

nagaa kan qabu; Namichi dhukkubu kaleessa irra ha'ar wayyaa qaba.

Sponsors