Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
wanjaluu go.
GAO

1. balleessaa ifa baasuu. 2. balleessaa malee maqaa namaa balleessuu.

wannoo
GAO

"wanta" ilaalaa.

wanta ma.dha.
GAO

waan tokko; wantan barbaadun argadhe.

wantaa 1 ma.
GAO

mi'a gogaa roobii rraa hoj Jetamu,  kan yeroo lolaaf gugsii of irra qaban, gachana, gaalee.

wantaa 2 ma.
GAO

baldhina lafaa kan ittin safaran; Lafti waantaan tokkoo wadaroo meeqa ta'aa?

Waqaan buluu go.
GAO

Waaqatti amanuu, jecha Waaqaa kabajuu.

waqafa ad.
GAO

barbaachisaa ta'ee kan hindhiifamne.

waqara 1 ad.
GAO

1. farda yaabbiif namaa hintaane, kan fe'iisa qofaaf oolu. 2. kan gootummaa hinqabne.

waqara 2 ma.
GAO

tuma yookiin qara baasa; Dhakaan daakuu yoo waqara bade daakaa bada.

waqaramuu go.
GAO

1. qarri baafamuu; Dhakaan waqarame daakuu bulleessa. 2. akka malee dhaanamuu.

waqarsiisuu go.
GAO

akka waqaru gochuu.

waqaruu go.
GAO

1. qu'anii qara baasisuu. 2. akka malee dhaanuu, rukutuu.

waqtii
GAO

"yeroo1,2" ilaalaa.

waraaba ma.
GAO

budduuqsa bishaanii.

waraabamuu go.
GAO

bishaan waan akka okkoteetti gara manaatti fuudhamuu; Kuni bishaan waraabbamu. 2. calalaan farsoo ir...

waraabbachuu go.
GAO

bishaan gara manaatti fudhachuu, budduqfachuu. 2.garmalee fudhachuu.

waraabessa ma.
GAO

bineensa saree fakkaatu, kan alkan horii adamsee nyaatu, kan halkan yuusu; "Waraabessi ollaa hintuqu...

waraabsisuu go.
GAO

akka waraabu gochuu.

waraabuu 1
GAO

"waraabessa" ilaalaa.

waraabuu 2 go.
GAO

1. dhangala'aa yookiin bishaan waan akka okkoteetti bakka jiruu fudhachuu, budduqsuu. 2. calalaa far...

Sponsors