Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
uramuu
GAO

"huramuu" ilaalaa.

urataa ad.
GAO

kan qaawaan itti baye.

Urbuu
GAO

"hurbuu" ilaalaa.

urdudde ma.
GAO

gosa simbiraa.

urgaa ma.
GAO

foolii nama gammachiisu; Urgaa foon waaddii nan jaalladha, Urgaa keetu sitti na harkisa.

urgaa'a ad.
GAO

kari foolii nama gammachiisu qabu.

urgaa'uu go.
GAO

foolii nama gammachiisu kennuu.

urgaawaa
GAO

"urgaa'aa" ilaalaa.

urgaawuu
GAO

"urgaa'uu" ilaalaa.

urgee 1
GAO

"urgoo 1, 2 "  ilaalaa.

Urgee 2 ma.
GAO

iddoo, bakkee.

urgeeffachiisuu go.
GAO

Akka urgeeffatu (urgeeffattu) gochuu.

urgeeffachuu. go.
GAO

waan urgaa'u suufuu, ulachuu. 2. akka urgaawu gochuu.

urgeessaa 1 ma.
GAO

Gosa mukaa.

urgeessaa 2 ma.
GAO

marqaa yeroo ateetee bulfatan, qopheeffatan.

urgeessaa 3 ad.
GAO

kan akka urgaawu godhu.

urgoo 1 ad.
GAO

tan urgooftu; tan fooliin nama gammachiisu.

urgoo 2 ma.
GAO

qimamii dhadhaan dibatan.

urgoo 3
GAO

"itittuu" ilaalaa.

urgooftuu ad.
GAO

tan foolii garii qabdu.

Sponsors