Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
unkuta 1 ma.
GAO

waan ta'e caccabsanii hurreessa.

unkuta 2 ma.
GAO

midhaan akka qamadii, ataraa, shumburaa, w.k.f., galabaa isaa -wajjin waxalama.

unkutaa'aa ad.
GAO

kan unkutaa'e.

unkutaa'uu go.
GAO

gar malee caccabuu.

unkutachuu go.
GAO

unkutoo qopheeffachuu.

unkutamaa ad.
GAO

kan unkutame.

unkutamuu 1 go.
GAO

caccabee hurraa'uu.

unkutamuu 2 go.
GAO

midhaan akka qamadii, shumburaa, ataraa, w.k.f. gaxabaa wajjiin waxalarnuu.

unkuteeasa
GAO

"unkuta 1"  ilaalaa.

unkuteessuu go.
GAO

caccabsanii urraa taasisuu.

unkutoo ma.
GAO

asheeta qamadii, ataraa, w.k.f., kan alatti bilcheessanii nyaatan.

unkutuu go.
GAO

unkutoo qopheessuu.

unsiisuu go.
GAO

akka unu gochuu.

unuu
GAO

"unachuu" ilaalaa.

ura ma.
GAO

Bool'a yookiin qaawa itti baasa.

uraa 1 ma.
GAO

meeshaa waa ittiin uraan.

uraa 2 ma.
GAO

qaawa yookiin bool'a waan ta'e irratti baasan.

uraa 3 ma.
GAO

marga angii qabu, kan lafa irra loowu, coqorsa.

urachuu go.
GAO

qaawaa godhachuu, fulla'uu.

uramaa
GAO

"huramaa" ilaalaa..

Sponsors