Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
tarree galuu go.
GAO

wal duraa duuba dhaabachuu, hiriiruu. tarree kaa'uu tarree buusuua ilaalaa.

tarree ma.
GAO

hiriira galee taraa tokko irratti argama; Tarree galaatii dhaabbadhaa.

tarree naquu
GAO

"tarree buusuu" ilaalaa.

tarsa'uu ad.
GAO

kan addaan cite, baqaqaa.

tarsasuu go.
GAO

wal irraa cituu, gargar bawuu, baqaquu; Uffanni Yammuu tarsa'u suphuu na barbaachisa.

tartiiba 1 ma.
GAO

duraa duuba; Haqaa galmeeffame kanaa tartiiba lakkoofsaa kenni; Hojii kana tartiiba qabsiifadhu.

tartiiba 2 ma.
GAO

hammeenya yookiin hubiinsa irraan gawuuf jecha marii gocha, sadoo.

tartiibuu go.
GAO

tartiiba hidhuu.

tarttiba hidhuu go.
GAO

odoo abbaan yookiin biyyi hinbeekin hubiinsa irraan gawuuf itti mari'achuu; balleessuuf tartiiba hid...

taruu go.
GAO

bira darbuu, qaxxaamuruu; Namichi tokko asiin fiigaa tare.

tasa 1 ad.
GAO

odoo ittin yaadin,battala, dingata dunyitii; Tasa du'e.

tasa 2 da.go.
GAO

1. achumaan hafuu; Ilmi koo tasa badee hafe. 2. qaruma isaayyuu, sirumaa; Tasa isa argee hinbeeku.

tasa baduu go.
GAO

odoo lafa inni gaye hinbeekamiin akka badeen hafe. 2. bu'aa wayii malee badee lafuu; Abbaanillee baa...

tasa ta'uu go.
GAO

achumaan badee bu'aa wayii malee hafuu, lafa inni gaye wallaalamuu.

tasiboo ma.
GAO

dhukkuba darbaa nama, hantuuta, tafkii, wk f irraa namatti darbu, kan dhaqna nama bulugsu, sammuu na...

teellaa da.go.
GAO

booddee yookiin duukaa; Nama teellaa deemi.

teembirii ma.
GAO

waraqata roga afurii, kan fakkii adda addaa of irraa qabu, kan poostaatti, waraqa iyyataatti, w.k.f....

teepha ma.
GAO

gogaa qaldhatee baqaqfamee dhiisifame; Gaangeen tun wadaroo hinkuttii teephaan hidhaa. 2. gogaa qald...

teermii ma.
GAO

kutaa yeroo barumsaa kan woggaan itti qoodamu; Qorumsa teermii lamattaa darbeera.

teermoomeetira ma.
GAO

mi'a oo'ina ittiin madaalan; Teermoomeetiriidhaan o'ina nama dhukkubsatuu madaalu.

Sponsors