Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
soruu 1 go.
GAO

waan akka midhaanii waan diriiraa irratti naqanii afuuraan yookiin qilleensaan huuba keessaa baasuu.

soruu 2 go.
GAO

baasee yookiin haphisee roobuu.

sosso'a ma.
GAO

iddoo tokkoo iddoo biraatti siqa, socho'a, warraaqa, raafama.

sosso'uu go.
GAO

bakkee tokkoo bakkee biraatti siquu, socho'uu, tocho'uu,warraaquu, raafamuu.

sossoba ma.
GAO

waa itti himuudhaan yookiin kennuudhaan akka hinboonye, hinmufanne yookiin hinaarre gocha.

sossobuu go.
GAO

waa itti himuudhaan yookiin kennuudhaan akka hinboonye, hinmufanne /hindallasine/ yookiin hin'aarre ...

sossoosuu go.
GAO

bakkee tokkoo bakkee biraatti siksuu, sochoosuu, warraaqsuu, raasuu; Mukallee waatu sossoosa.

sossootuu 1 ad.
GAO

warraaqxuu, sochootuu, raafamtuu.

sossootuu 2 ma.
GAO

lafa jalli raaree, kan yoo irra ijjetan raafamtu; Sossootuu irra ijjettanii akka hinliqimfamne of ee...

soyama ma.
GAO

gosa mukaa kan sir jedhee margu, sooyyama; Soyamni yeroo baay'ee sir jedhee, qaqaldhatee waan marguu...

soyambifa ma.
GAO

maqaa bineensa xiqqoo daggalatti galtuu tan indaaqqoo adamsuudhaaniifi gaagura kanniisaa (damma nyaa...

soyyambiifa
GAO

"soyambifa" ilaalaa.

subii ma.
GAO

yeroo lafti bariitu, barii barraaqaa, obboroo.

suguda ma.
GAO

meeshaa golboo migira irraa hoJjetamu, saanquree.

sugugguruu ma.
GAO

1. lafee hudduu lamaan cinaatti argamu. 2.bakkee lafeen lama nafa keessatti wal gawu.

sugugufuu ma.
GAO

gosa dhukkubaa, kan ijoollee ixiqqoo qabu, kan akka cittoo dhaqnatti shif jedhu, shifee, gifira.

suguyyaa ma.
GAO

1. bakkee foon itti gurguramu yookiin nyaatamu, lukaandaa. 2. nama foon nagadu, gurguru yookiin dald...

sukaa'ee ma.
GAO

biqiltuu urgooftu, kan baala ishii dhadhaa yoo baqsanillee itti naqan, kusaayee, shukee.

sukaawaa ma.
GAO

muka ilkaan ittiin rigatan, rigaa.

sukaawachuu go.
GAO

ilkaan rigachuu.

Sponsors