Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
shooshoo 1 ma.
GAO

baala muka irraa harca'ee goge.

shooshoo 2 ma. (qaanii)
GAO

karaa dhalaan ittiin fincooftu,mucaa ittiin deessu, kushaa, buqushaa,.dooddoo, bashoo..

shootalloo
GAO

"sootallo" ilaalaa.

Shooxee
GAO

hojja (dheerina) qabeettii...

shooxee ad.
GAO

hojja (dheerina) qabeettii; qal'oo dhaabbii bareeddu. 2. tan qarii yookiin fiixeen qal'aa.

shopha ma.
GAO

ungudaayee same, tortore.

shosho
GAO

"shooshoo" ilaalaa.

shufuroo 1 ma.
GAO

waan xuraaye, tortore, shame, Nyaata waan shufuroo irraa fageessuun fayyaaf tola.

shufuroo 2 ad.
GAO

waan hinbarbaadamne, waan xixiqqaa yookiin yaraa wayi irra hin'oolle; Daa'ima shufuroo tana irra dar...

shuggee ma.
GAO

xaarmusii gabaabduu biiraafi waanti biraa itti naqamee gurguramu, buttullee.

shukaawachuu
GAO

"sukaawachuu" ilaalaa.

shukaawannaa.ma.
GAO

ilkaan rigannaa.

shukaawuu go.
GAO

ilkaan riguu.

shukkaa ma.
GAO

mi'a sibiila irraa qophaawu,kan paastaa ittiin nyaatan, kan quba afur qabu.

shukkaara
GAO

"sukkaara" ilaalaa.

shulee
GAO

"sulula" ilaalaa.

shulee 1 ma.
GAO

maqaa masoo ashalaa ijoollee ittiin yaaman.

shullee
GAO

"daarbee" ilaalaa.

shullisuu go.
GAO

dafanii deemuu, hulul jechuu.

shultii ma.
GAO

aramaa lafa keessaa buqqisan, kan baalli babaldhaa, kan hundeen isaa lafa keessa gadi fagaatu.

Sponsors