Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
Shalaaluu 1 go.
GAO

hokkoo ta'uu, jallachuu, dabuu.

shalaaluu 2 go.
GAO

wayi irra si'a ejjetan lukti nama jalaa deemuu, mucucaachuu.

shalala ma.
GAO

gosa midhaanii.

shalalaa ma.
GAO

dhangala'aa itittuun(ittoon) keessaa baye ago'aatii, dhama. 2.dhangala'aa araqee baasuuf hubbo danfu...

shalaltaa ma.
GAO

farsoo bishaanni dhiwoo itti naqame; Farsoo gaariin shalaltaa irratti beeksisa.

shallaga 1
GAO

"hallaga" ilaalaa.

shallaga 2 ma.
GAO

tilmaama, gimmitii;Shallaga malee akka nyaattu sirriitti hojjedhu.

shallaga 3 go.
GAO

humna qusacha, garaa irraa fudhatanii hojjechuu dhiisa, dhibaawa; Kan bultii ofiitti shallaga guddis...

shallagamaa 1
GAO

"hallagamaa" ilaalaa.

shallagamaa 2
GAO

kan harnmi isaa tilmaamame.

shallagamuu 1 go.
GAO

dalga irraa muramuu, hallagamuu.

shallagamuu 2 go.
GAO

hammi isaa tilmaamamuu, ilaalamuu.

shallagsiisuu 1 go.
GAO

Akka tilmaamamu gochuu.

shallagsiisuu 2
GAO

"hallagsiisuu" ilaalaa.

shallagsiisuu 3 go.
GAO

humna akka qusatu, suuta akka hojjetu gochuu.

shallaguu 1
GAO

"hallaguu" ilaalaa.

shallaguu 2 go.
GAO

humna qusachuu, dhibaawuu; Odoo shallaguu baatee qaata hojjetee fixe.

shallaguu 3 go.
GAO

hamma isaa hubachuu, tilmaamuu.

shallala ma.
GAO

of miidhaksa (uffataan, deemichaan, w.k.f.; Shallala guddisaniif nama guddaa hinta'ani.

shallaluu go.
GAO

of miidhaksanii kooruu.

Sponsors