Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
shakakii ma.
GAO

sagalee yammuu shakak jedhu dhaga'amu.

shakaksuu 1 go.
GAO

sagalee shakak jedhu dhageessisuu.

shakaksuu 2 go.
GAO

imimmaan of irra yaasuu, boowuu.

shakashaka ma.
GAO

midhaan mooyyee keessatti tumanii qara isaa cabsa.

shakashakaiisuu go.
GAO

akka shakashakamu gochuu.

shakashakuu go.
GAO

midhaan mooyyee keessatti tumanii qara irraa cabsuu.

shakeeree
GAO

"seekkeraa" ilaalaa.

shakilaa
GAO

"suphee 2" ilaalaa.

shakka ma.
GAO

dhugaa ta'iisa waa tokkoo irraa amantii dhabiisa.

shakkamuu go.
GAO

amanamuu dhabuu.

shakkisiisuu 1 go.
GAO

akka shakku gochuu.

shakkisiisuu 2 go.
GAO

akka shakkisu gochuu.

shakkisuu go.
GAO

sagalee shak shak jedhu dhageessisuu.

shakkuu go.
GAO

waan tokko irraa amantii dhabuu; Akkuma hunda shakkuu hinbarbaachisne hundas amanuu hinbarbaachisu.

shakoraa
GAO

"shankoora" ilaalaa.

shakura ma.
GAO

jifaara gaangee kan yeroo yaabbatanii deeman shakkisu.

shala ma.
GAO

bineensa akka bosonuu.

shalaala ma.
GAO

hokkoo ta'iisa, jallina, daba.

Shalaalessuu go.
GAO

akka dabu, jallatu yookiin hokkoo ta'u gochuu.

shalaaltuu ad.
GAO

tan sirrii hinta'in, hokkoo, dabduu, jallattuu.

Sponsors